Weellistuu Yaalamwarq Jambaruu birrii miliyoona tokkoofi waancaa badhaafamte.



Yaalamwarq badhaasa kana Faanaa Biroodkaastiing Korporeet irraa argachuu kan dandeesse sagantaa bashannanaa 'Faanaa laamiroot'jedhamu irratti kanneen waliin morkachaa turan caalmaa sagaleetiin moo'achuudhaani.
Morkiin marsaa sadaffaas sagantaa badhaasaa har'a galma tiyaatiraafi aadaa Finfinneetti gaggeeffameen xumurameera.
Morkattoota keessaa Aluulaa Gabra'amlaak 2ffaa,Daani'eel Addunyaa 3ffaa akkasumas Dassaalany Abbaba sadarkaa 4ffaa qabataniiru.Sadeeniifuu badhaafni birrii kuma dhibba sadii kennameera.
Sirna xumura sagtantichaa irratti haasawa kan dhageessifte gargaartuun komishinaraa Komaandar Daraartuu Tulluu morkattootaan baga gammaddan jechuun,biyya keenyatti nagaan guutuun akka bu'uuf hundumtuu hojjechuu qaba jechuun dhaamtee jirti.Dhimma kana irratti odeeffannoo dabalata dubbisaa: https://yaadimedianetwork.blogspot.com/2023/01/morkiin-xumuraa-faanaa-laamirootkan.html

Post a Comment

0 Comments