ABO-Shaneen waamicha Nagaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka fudhate hime

 



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 11,2015(YMN) ABO-Shaneen waamicha bulchiinsi mootummaan Naannoo Oromiyaa marii nagaatiif dhiyeesse akka fudhatu beeksiseera.

Oduu himaan garee hidhataa ABO Odaa Tarbii BBCtti akka himanitti waamichi pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa jalqaba yaa'ii 4ffaa bara hojii  6ffaa waggaa 2ffaa irratti dhiyeessan ABO-shaneen fudhateera.

Waamichi marii nagaa kun of  eeggannoodhaan kan fudhate ta'uu Odaa Tarbiin himaniiru. 

Obbo Shimallis waamicha irra deebiidhaan dhiyeessaniin gareen humna qawweetiin socho'u karaa nagaatti dhufuu qaba jedhaniiru.

Miseensoonni Caffee Oromiyaatis ABO-Shaneen karaa nagaa akka filatuuf shoora irraa eegamu akka gumaachaniif yaa'icha irratti gaafatamuun nibeekama.

waamicha nagaa dhiyaateef deebii kenname ilaalchisuun gabaasa BBC Afaan Amaaraa baase dubbisaa:https://www.bbc.com/amharic/articles/cp3zjzv6kd2o

Post a Comment

0 Comments