Araara bu'een hunduu gammaduu qaba!

 



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 08,201sa5(YMN) Abbootiin amantaa bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa waldhabanii turan araaramaniiru.Araarri bu'eera.Baga gammadne!

Sirna araaraa ilaalchisuudhaan ibsi kennameera.Waliigalteen taasifame Afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin dubbifameera.Kunis miidiyaawwan mootummaafi dhuunfaatiin qilleensarra ooleera.Wanti ta'e hunduu akka namaatti kan nama gammachiisudha.

Waliigalteewwan taasifaman gaaffiiwwan garaa garummaa uuman hundi kan deebii ittiin argatanidha jechuun nidanda'ama.Akkaataa hojiirra ittiin oolan hordofuun gaariidha.

Yaadawwan araara booda miidiyaawwan hawaasummaa irratti calaqqisaa jiran tokko tokko sirrii miti.Kanneen tokko tokko araara kanaan akka hin gammadne ifatti mul'isaniiru.Egaa hunda gammachiisuun waan danda'amu miti.Silaayyuu kasaartoonni siyaasaa araara bu'een gammaduu akka hindandeenye nibeekama.

Hundumaafuu araarri abbootii jidduutti bu'e rakkoolee qabnu hundumaafuu furmaata kan nuuf fidu akka ta'uu akkuma kanaan duraatti waaqayyo nugargaara.

Abbichuun araara buusuu keessatti irra deddeebiidhaan seenaa hojjechuusaa kan waakkatu diina Itiyoophiyaa qofadha.

Post a Comment

0 Comments