Hundeeffama bulchiinsa Magaalaa Shaggar



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 17,2017(YMN) Mariin Paanaalii hundeeffama Magaalaa Shaggar irratti xiyyeeffate Hoteela Sharaatanitti gaggeffamaa jira.

Marii kanarratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo naannoo Oromiyaa fi Abbootiin Gadaa, akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Magaalaan Shaggar Guraandhala 19, 2015 ifatti kan hojii jalqabu yoo ta’u, hundeeffamasaa sababeeffachuun sagantaaleen garaagaraa kan gaggeeffamu ta’uun himameera.

Sagantaalee kanneen keessaa mariin paanaalii tokko yoo ta’u, waraqaan qorannoo hundeeffama magaalichaarratti xiyyeeffate lama dhihaachuun irratti mari’atamaa jiraachuu ibsameera.

Kana dura magaaloonni ummata Cunqursaa waan turaniif, eenyummaa keenya sirritti itti ibsachaa hin ture, amma garuu injifannoodhaan gaaffiin keenya deebi’eera jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan.

Keessattuu buqqaatii qonnaan bultootaa hanbisuuf deebii kenneera jedhan.

Magaalaan Shaggar dantaa fi fayyadamummaa ummataa giddugaleessa godhatee kan hundaa’e ta’uu eerameera.

Magaalota jaha kana dura turan bakka tokkotti qabatee kutaalee magaalaa 12 fi aanaalee 36 of keessatti qabachuun kan hundaa’e ta’uu marichaan ka’eera.

Maddi:FBC Afaan Oromoo

Post a Comment

0 Comments