Muummichi keenya beekkamtii hooggansa demokraatawaa argatan

 

 



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 18,2015(YMN) Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad beekkamtii hooggansa demokraatawaa argataniiru.

Beekkamtii kana kan kenne Barruu ‘Open Megazine’jedhamuufi biyya Hindiitti maxxanfamudha.

Baruun Ooppin muummicha ministiraa Abiy Ahmad ardii Afrikaatti hoggansa demokraatawaadha jechuun adda durummaadhaan kan filate yoo ta’u hooggantoota biyyaalee Afrikaa kanneen biroos maqaadhaan dha’uun filate ifoomseera.

Akkaatuma kanaan muummicha ministira Dr.Abiy Ahmaditti aanuudhaan pirezidaantiin Afrikaa kibbaa Siiriyaal Raamaafoosaa 2ffaa,pirezidaantiin Ziimbaabiwee Iimarsan Minaangigawaa 3ffaa,pirezidaantiin Laayibeeriyaa Joor Wiihaa 4ffaa, ta’uun kan filataman akka ta’an beekameera.

Barruun Ooppin hooggantoota biyyaalee Afrikaa kanneen hooggantoota demokraatawaa jechuun kan filate ulaagaa maaliitiin akka ta’e gabaasa dhimma kana irratti ba’een hin himamne.

Haala biyya keessa jiruun demokraasiin baay’ateera,seeraan alummaan kanaaf baay’ate jechuun kan komatan akkuma jiran sirni bulchiinsa muummicha ministiraa Abiy Ahmadiin hoogganamu ukkaamsaa baay'iseera’mirgi namoomaa kabajamaa hin jiru jechuun kan komii dhageessisanis akka jiran nibeekama.

Hundumaafuu ‘Utuu mortuun mortuu hortuun horti’jedhee mammaaka Oromoon.

Post a Comment

0 Comments