Oromoon keessaafi alaa akka ijaaramuuf dhaamame



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 10,2015(YMN) Jiddu galliifi xiyyeeffannoon diinaa Oromoo hunda irratti waan ta'eef Oromoon keessaafi alaa hundumtuu ijaarama isaatiif xiyyeffannoo kennuudhaan socho'uu akka qabu dhaamameera.

Diinni xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru Oromoo diiguudhaan mirga abbaa biyyummaa Oromoon of harkatti galfate harkaa baasuu waan ta’eef wixiffannaa diinni taasisaa jiru qolachuuf Oromoon tokkummaasaa jabeessuufi fira baay’ifachuun kan irraa eegamu akka ta’e hoogganaan waajjira Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa himaniiru.

Hoogganaan waajjirichaa yaa’ii idilee 4ffaa Caffee Oromiyaa irratti gaaffiifi yaada miseensoonni Caffee Oromiyaa kaasaniif ibsaafi deebii bal’aa kennaniiru.Kanaanis haala yeroo Oromiyaafi biyyaa irratti xiyyeeffachuudhaan waan qabatamaan jiru himaniiru.

Arrabsoon diinaan Oromootti darabatamaa oolu gadaantummaa irraa kan maddu waan ta’eef gara fuulduraattis arrabsoon dhaabbachuu akka hindandeenye hubachuudhaan mirga abbaa biyyummaa of harkatti galfanne ijaarama cimsuudhaan eeggachuufi kunuunfachuun barbaachisaa akka ta’e himaniiru.

Afaan Oromoo Afaan Hojii Mootummaa Federaalaa ta’uun ammaan booda gaaffii ta’uu hindanda’u,wanti hafu heera mootummaa marii biyyaalessaa booda fooyya’u qofa akka ta’e eeran.Heerri moorummaa jiru Naannoleen beeku naannolee sagal qofadha,amma naannoleen dabalamaniiru,kunis kanuma faana kan sirreeffamu ta’a jedhan.Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo dabalatee afaan hojiisaa shan akka ta’anis yaadachiisan.

Ammaan booda Afaan Oromoo wanti dubatti deebisuu danda’u akka hinjirre haalumti qabatamaan jiru kan mul’isu ta’uu eeran.Afaan Oromoo Afaan hojii ta’uu bira darbee afaan miidiyaawwan hedduu waan ta’eef ammaan booda gara duubaatti deebi’uu wanti jedhamu hinjiru,kan yaadamuu danda’uu mitis jedhan.

‘Pirojaktiin nuharka jiru pirojaktii daandii tokko ijaaruu utuu hintaane pirojaktii biyya ijaaruuti’kan jedhan Obbo Fiqaaduu Tasammaa hojii guddicha biyya ijaaruu kana irratti tumsuufi abbummaadhaan hirmaachuun dhimma murteessaa akka ta’e dubbatan.

Dhimma araara ABO-shanee ilaalchisuudhaanis mootummaan araaraafi mariidhaaf balbalasaa banaa erga taasisee tureera,gareen humna qawwee abdachuudhaan socho’u gara marii nagaatti dhufuun karaa nagaatiin akka socho’uuf miseensonni Caffees shoora gamasaanii akka gumaachaniif dhaamaniiru.

Olola ‘Oromoon abbaa dabaree ta’e’jechuun ololamaa jiru ilaalchisuudhaanis Sabni Oromoo waan isaaf maluyyuu hinarganne jedhan.Kana wajjin walqabatee caaseffama siivil sarvisii keessatti ga’ee Oromoon argachuu qabu guutuuf qophiin taasifameera,nuti akka sabaatti gama kanaan of qopheessuutu nurraa eegama jedhaniiru.

Akkuma paartii Badhaadhinaa keessatti ga’een miseensa dhalattoota Oromoo ilaalamu,caasaa siiviil sarvisii keessattis ga’een Sabaa akkaatuma baay’insaatiin akka ta’uuf kan hojjetamaa jiru akka ta’e obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa miseensoota Caffeetiif kennan kanaan mirkaneessaniiru.

Ga’uumsaan hojjechuufi hanna irraa of eeguudhaan Oromoon akka hinarrabsamne taasisuun barbaachisaa akka ta’e himuun dhalataan Oromoo hundumtuu sadarkaa kanaan of qopheessuun waan irraa eegamu akka ta’es himaniiru.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii iddoowwan adda addaatti mudatan qolachuuf miseensoonni Caffee Oromiyaas idduma jiranitti qabsaa’uun akka irraa eegamu dhaaman.


Post a Comment

0 Comments