Pireezidaant Shimallis Abdiisaa wacni kamiyyuu injifannoo uummata Oromoo duubatti hindeebisu jedhan



Finfinnee, Guraandhala 19, 2015 (FBC) Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Bulchiinsa magaalaa Shaggar ifatti hojii jalqabasiisaniiru.
Wacni kamiyyuu injifannoo uummata Oromoo duubatti hindeebisu jedhaniiru,pirezidaantichi.
Sirnoonni darban aarsaa ol'aanaa uummata Oromoo kanfalchiisuu Pireezidaant Shimallis haasawa sirna hojii jalqabasiisuu bulchiinsa Magaalaa Shaggar irratti taasiisaniin himaniiru.
Uummanni Oromoo obsaan qabsoo boqonnaa jireenyaa baay'ee keessa darbeeras jedhan.
Keessattuu uummatni Tuulamaa rakkoo isa mudatu guyyaa tokkoo otoo hin jilbiiffatin injifannoo kanaaf ga'eera jedhan.
Hundaa'uun bulchiinsa magaalaa shaggar injifannoo seenaa qabeessaa fi boqonnaa haaraadha jechuun himan.
Finfinneen bakka qonnaan bulaan Oromoo itt miidhamee fi dhiibbamaa ture ta'uus yaadachiisaniiru.
Magaalaan Shaggar Magaalaa seenaa qabessaa fi waggoota 50 dhufanitti magaaloota Afrikaarratti beekkamu akka ta'uuf kan hojjetan ta'uus mirkaneessaniiru.
Finfinnee tiksuu fi Ummata Utuubaa diinagdee, hawwasummaa fi siyaasaa ta'ee tajaajiluuf magaalaan Shaggar hundaa'uu pirezidaantichi himaniiru.


Post a Comment

0 Comments