Yaa'iin idilee 4ffaan Caffee Oromiyaa har'a jalqabameera



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 10,2015 (YMN) Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii karoora hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa baatiiwwan ja'an darbanii Caffeef dhiyeessaniiru.
Hojii nageenyaa waliin wal qabatee hojiiwwan hedduun hojjetamuu ibsaniiru.
Qaamni hidhatee socho'uu gareen Shanee gara araaraatti akka dhufu waamichi nageenyaa taasifamuu eeraniiru.
Waamicha nageenyaa kanaaf qaamoleen hundi gaheesaanii bahaachuu qabu jedhaniiru.
Tajaajila Abbaa Alangummaa waliin wal qabatee galmeewwan qorannoo gosa hundaan dhiyaatan kuma 2fi 905 keessaa kumni 20fi 568 murtiin garaagaraa itti kennamuu eeraniiru.
Namoonni harka qalleeyyii kumni 16fi 407 tajaajila seeraa bilisaa argachuu kaasaniiru.
Manneen Murtii aadaa jalqabaa kumni 6fi 56 akkasumas ol iyyannoo 299 hunda'anii tajaajila kennurratti kan argaman ta’uu addeessaniiru.
Manneen Murtii sadarkaa jalqabaa keessatti dhimmoonni kumni dhibbi 1fi kumni 52fi 485 dhiyaachuun kumni dhibbi 1fi kumni 17fi 202 furmaata argachuu kaasaniru.
Ol iyyannoo waliin wal qabatee dhimmoonni kumni 8fi 399 dhiyaatanii kumni 4fi 800 furmaata argachuu Obbo Shimallis gabaasa dhiyeessaniin ibsaniiru.

Inisheetiviin qamadii rooba gannaa lafa heektaara miiliyoonni 1.74 sanyiin uuwwifamuufi sassaabbii duraa gaggeeffamerraa Callaan Kuntaalli miiliyoonni 64.2 ni argamaan kan eegamu ta’uu ibsaniiru.
Lafa hektaara miiliyoona 1rraatti qamadii bonaa facaasuun oomisha kuntaalaa miiliyoona 38.5 argamsiisuuf xiyyeeffannaan kennamee hojii hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 1.1 sanyiin uuwwifamuu ibsaniiru.
Hojiin Kun akka milkaa'uuf paampiiwwan Kumni 15fi 50 raabsamuu kaasaniiru.
Misooma ruuzii waliin wal qabatee lafa heektaara Kuma 100.8 misoomsuun Callaa kuntaalli miiliyoonni 4.7 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti sassaabbii duraatiin Kuntaalli miiliyoonni 4.4 argamuu ibsaniiru.
Hojii makaanaayizeeshiniin wal qabatee hojiiwwan hojjetamaniin Tiraaktaroonni haaraan 159 dhiyaachuun walii galaan qonna Arfaasaafi gannaa bara 2014/15tti tiraaktaroota kuma 4fi 128 akkasumas kombaayinarri 469 fayyadamuun oomisha lafa hektaara kuma 833.7 haamuufi dha'uun danda'aamuu eeraniiru.
Hojii Ashaaraa magarisaan bara kana biqiltuu biiliyoona 4.9 dhaabamuuf hojii hojjetamaa jiruun hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 1.87 qophaa'uu addeessaniiru.
Carraa hojii uumuun wal qabatee carraa hojii dhaabbii miiliyoona 1.1 uumuuf karoorfamee hanga ammaatti carraan hojii dhaabbii miiliyoonni 1.05 uumameera jedhan.
Damee fayyaatiin hawaasa miiliyoona10.39 fayyadamoo inshuuraansii fayyaa taasisuun danda'amuu eeraniiru.
Haadhooliin Kumni 695 tajaajila da'umsa duraa argataniiru jedhan.
Haadhooliin Kumni 501 dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajila da'umsaa argachuus ibsaniiru.
Galii waliin wal qabatee ji'oottan ja'an darbanitti Birrii biiliyoona 42.25 waliitti qabuuf karoorfamee birrii biiliyoonni 38.96 walitti qabuun danda'aameera jedhan.
Kan bara darbeen wal bira qabamee yeroo ilaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 12.3 Yookaan ammoo % 46 caalmaa qabaachuu kaasaniiru.
Hojii Kenna Tajaajila lammummaatiif xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojjetamaa jiraachuu eeruun, hojiilee Tajaajila Lammummaa garaagaraatiin tilmama Birrii biiliyoona 50.19 raawwachuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 50.56 raawwachuun danda'aameera jedhaniiru.

Maddi:FBC Afaan Oromoo

Odeeffannoo dabalataa iddoo jirtanitti kanneen irraayis

dubbisaa:

Blog:https://yaadimedianetwork.blogspot.com/

Facebook page:https://www.facebook.com/Yaadimedianetwork

Twitter:https://twitter.com/Qaroomina

Telegram:https://t.me/yaadimedianetwork

Instagram:https://www.instagram.com/yaadimedianetwork/

Linkdein:https://www.linkedin.com/in/yaadimedia/

Pinterest:https://www.pinterest.com/Yaadimedia/

You tube:https://www.youtube.com/channel/UCFslwPKDM0QxVrt75_p_kuw

Tik Tok:https://www.tiktok.com/@yaadimedia1/

Post a Comment

0 Comments