Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 14,2015(YMN) Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad Obbo Getaachoo Raddaa pirezidaantii Mootummaa ce'uumsaa Naannoo Tigraay taasisuun muudaniiru.Gochi kun fakkeenya guddaafi tarkaanfii dhiifamaa dinqisiifatamudha.Murtee guddaafi seenaa-qabeessadha.
Wayita waraana suukaneessaa sanatti Getaachoon waan muummicha keenyaan jechaa tureefi arrabsoo hinmalleen gadi qicee akkaataa itti dhaadachaa ture dagachuun waan danda'amu natti hain fakkaatu.
Garuu muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad wanti dhiifama caalu akka hinjirre qabatamaan mul'isuudhaan nama itti dhaadachaa ture Getaachoo Raddaa hoogganaa mootummaa Ce'uumsaa mootummaa Naannoo Tigraay taasisuudhaan muudaniiru.Muudamni kun kan kenname akkaataa heera mootummaa boqonnaa 62 lakkoofsa 9'n kan kenname akka ta'e odeeffannoon waajjira muummicha ministiraa irraa argame mul'iseera.
Egaa yoo nama ta'aniifi qalbiisaanii jijjiirratan carraa guddaa argame kanatti fayyadamu.Akkuma baran haala mijaawaa wayita argatanitti gaggaragalu taanaan ammoo waan dhufu kan agarru ta'a.
0 Comments