Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 15,2015(YMN) Kaleessa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiin pirezidaantii yeroo ce'uumsaa mootummaa Naannoo Tigraay taasifamuun kan muudaman obbo Getaachoo Raddaa har'a ibsa kennaniiru.Obbo Getaachoon borumtii muudamanitti ibsa kennan.Afaan Tigreefi Afaan Amaaraatiin ibsa kana kennan.
Ibsa Afaan Tigreetiin kennaniin jiraattoota Naannoo Tigraay,miseensoota daayaaspooraa Tigraay,miseensoota TPLF,dhalattoota naannichaa hundaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Daangaan bulchiinsa Tigraay akka kabajamuuf kutannoodhaan hojjenna jechuun dhaamsa dabarsan.Lammiiwwan iddoo jireenyaa irraa buqqa'an gara qayeesaaniitti akka deebi'aniif deeggarsa mootummaa Federaalaatiin akka hojjetamu abdiidhaan himan.Kana jechuun isaanii iddoowwan Naannoo Amaaraa wajjin irratti waldhaban bulchiinsa Tigraay keessa ta'uu qabu jechuusaanii akka ta'e nibeekamaa.Iddoowwan Walqaayit Tsagadeefi kanneen fakkaatan irratti hanga ammaatti naannolee lamaan jidduutti gara garummaan bal'aan akka jiru nibeekama.Hundumaafuu Obbo Getaachoon akka hojmaata heera mootummaatti rakkoon jiru fala argachuu qaba jechuun dhaaman.
Kanneen dhaamsa dabarsaniif hundaan dararamni dabarsitan hedduu ulfaataadha,wareegama Tigraayiif baaftanidha jedhan.Hojii Tigraay deebisuudhaan ijaaruu keessatti shoora keessan gumaachuu qabdu jechuudhanis wammicha dhiyeessan.
Dhaabbilee siyaasaa mormitoota wajjinis walta'uudhaan kan hojjetamu akka ta'e himuudhaan yeroon ce'uumsaa akka gabaabbatuuf kan barbaadamu ta'us garuu yeroo dheeraa fudhachuu akka danda'u eeraniiru.
Ibsa Afaan Amaaraatiin kennaniin gaaffiifi deebii taasisan, malee kan akka Afaan Tigreetiin kennametti ibsa itti qophaa'an hindubbifne.Ibsi Afaan Tigreetiin kennan daqiiqaa 15'f kan ture yoo ta'u kunis iddoo Gaazexeessitoonni argamanitti kan obbo Getaachoo Raddaatiin dubbifame akka ta'e beekameera.
Gaaffiifi deebii Afaan Amaaraatiin kennan irratti akka kan Afaan Tigreetiin kennanitti of eeggannoo waan taasisan hinfakkaatan.Hanga tokko akkuma kanaan dura dubbachaa turanitti dubbatan jechuun nidanda'ama.Garuu mira isaan irraa mul'ateen miidhaa waraanni geessiseen akka gaddan hubatameera.
Ummattoota jidduu rakkoon akka hin jirre himuun hooggantoonni gama kamiinuu jiran dogongorri uuman akka jiru dubbatan.Akka dhuunfaa isaaniitti waan dubbachaa turan irratti kan gaabban ta'uus himan.
Irra deeddeebi'uudhaan waraanni suukaneessaan akka gaggeeffameefi kanaanis dhalattoonni Tigraay kuma dhibba hedduun lakkaa'aman akka dhuman,akka madaa'aniifi jireenya gadadootiif akka saaxilaman himaniiru.
Obbo Getaachoon ibsa har'a miidiyaawwan naannichaatiif kennan kana irratti hojiiwwan yeroo ce'uumsaa keessatti hojjetaman maqaa dha'uudhaan kan eeran yoo ta'u sochiin Tigraay deebisuun ijaaruu garuu yeroo dheeraa kan fudhatu akka ta'eefi Tigraay waggoota 40 ol duubatti akka deebite dubbatan.
Akka Televiziyoona irratti mul'atetti duuba isaaniirraa dhaadannoon barame tokko mul'achaa ture.'Tigraay Ni moo'atti, Tigraay Tis'ir'jedha.Dhaadannoo kana itti yaadaniiti moo dogongoranii mul'isan laata? yaadi jedhu jira.Dhaadannoon kun yeroo waraanaatti lelifamaa kan tureefi dhalattoota Tigraayis kakaasuuf kan itti fayyadaman akka ta'e nibeekama.
Kan biraa ammas 'Naannoo Tigraay' jechuu akka hinfeene mul'ateera.Akkuma kanaan dura gochaa turan Tigraay akka biyyaatti fudhachuun waan jiru fakkaata.Naannoo Amaaraa jechuun dubbannaan naannoo Tigraay jechuun dubbachuu irrattis onnatamuu qaba.
0 Comments