Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 18,2015(YMN) Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad boru mana marii bakka bu'oota ummataatti argamuudhaan gaaffilee gara garaa miseensoota mana marichaa irraa dhiyaataniif deebiifi ibsa bal'aa kennu
Gaaffileen miseensoota mana marichaa irraa muummicha ministiraaf dhiyaatan dhimma Nagaa,Diinagdee,bulchiinsa gaariifi qaala'iinsa diinagdee irratti xiyyeeffachuu danda'u tilmaamni jedhu kan jiru yoo ta'u muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad gaaffileefi yaadoota dhiyaatan hunda akkuma kanaan dura barame deebiifi ibsa bal'aa kennu jedhamee eegama.
Deebiifi ibsi muummichi ministiraa mana marichaatti argamuudhaan kennan ganama sa'aatii sadi irraa eegalee miidiyaadhaan tamsa'a waan ta'eef waa'ee biyyaa irratti hubannoo guutuu argachuuf hordofaa
0 Comments