Tajaajilli elektriikaa hojjettoota 109'rratti tarkaanfii fudhateera



Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 20, 2015 (YMN) Tajaajilli Elektirikii Finfinnee hojjettoota 109 irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu beeksiseera.
Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Tajaajilichaa Dooktar Gabayyoo Likkaasaa, ji’oota jahan darbanitti hojjettoota 109 fi hoggantoota rakkoo namusaa qabanirratti tarkaanfii fudhachuu ibsaniiru.
Kanneen keessaa 15 hojiirraa gaggeessuun, 16 hogganummaarraa kaasuu fi kanneen biroo adabbii miindaa fi akeekkachiifni kennamuu himaniiru.
Dhaabbaticha gara dhaabbata ammayyaawaatti jijjiruuf hojjetamaa jiraachuu Doktar Gabayyoon himanii, hanqinni dhiyeessii meeshaalee rakkoo namuusaa hojjettootaa biratti uumameef sababa ijoo akka ta’e gamaaggamamuu dubbataniiru

Maddi:Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa(DhPI)

Post a Comment

0 Comments