Tarsiimoowwan mootummaa Badhaadhinaa fonqolchuuf qophaa’an




Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 09,2015(YMN) Humnoonni Finxaaleeyyiin mootummaa Badhaadhinaa muummicha ministiraa Dr.Aby Ahmadiin hoogganamaa jiru fonqolchuuf tarsiimoowwan gara garaa qopheeffachuudhaan socho’aa jiru.Tooftaawwan mootummaa ittiin fonqolchuu danda’an qopheeffatanii qindoomina ol’aanaa uummachuun socho’aa akka jiran qabatamaan mirkanaa’eera.

Qindoominni finxaaleeyyiin keessaafi alaa taasisan maal akka fakkaatu qabatamaan mul’ateera.Qindoominni isaanii kun miidiyaawwan idileefi weeb saaytitiiwwan hawaasummaa gara garaatiin kan deeggarame akka ta’e hubatameera.

Tarsiimoowwan fonqolcha mootummaa Finxaaleeyyiin qopheeffatan lakkoofsaan 11 akka ta’an adda ba’ee beekameera.Tarsiimoowwan kana tokko tokkoon tartiibaan ilaaluudhaan dhimmicha irratti hubannoo guutuu qabaachuun barbaachisaadha.Barreeffama kanaan maalummaa tarsiimoowwan qophaa’anii tartiibaan ilaaluun haalota tarsiimoowwan finxaaleeyyiidhaan qophaa’anii hojiirra akka oolaniif carraaqqiin itti taasifama jiru ilaaluun gochoota badii finxaaleeyyii saaxiluun barbaachisaa taa’a.Ummanni Oromoos ta’ee sabaafi sab-lammoonni kanneen biroo dhugaa kana beekuudhaan humnoota finxaaleeyyii biyya keenya diiguuf hamuummachaa jiran dura dhaabbachuun ofirraa qolachuu qabu.

Tarsiimoo 1ffaa:Hookkarri amantaa akka finiinu taasisuu

Itiyoophiyaa keenya keessatti kanumaan durayyuu waqtii gara garaatti manneen amantaa adda addaa keessatti gochoota badii suukaneessaa ta’an tokko tokko raawwachuun waldhabdeen amantaa akka uumamu taasisuun hawaasni akka walitti bu’uuf humnoonni badii yaalii itti fufiinsa qabu taasisaa turaniiru.

Iddoowwan adda addaa Naannoo Oromiyaafi Amaaraatti manneen amantaa akka gubataniifi akka barbadaa’an taasisuun hordoftoota amantaa kiristaanaafi Islaamaa jidduutti walshakkiifi waldhabdeen akka uumamuuf carraaqqiin ol’aanaan taasifamaa turuun agarsiiftuu qabatamaadha.

Hordoftoonni amantaawwan lamaanii garuu sadarkaa finxaaleeyyiin barbaadaniin waldhabdee keessa seenuudhaan aadaa walkabajaafi waldanda’uu akkasumas waljaalalaan waliin jiraachuu waggoota hedduuf dagaagfatan diiguu hinbarbaadnu jechuun finxaaleeyyii hundumaa qaanessaniru.

Humni finxaalessaan keessaafi alaa deeggarsa qabu garuu utuu abdii hinkutatin dhiyeenya kanas irreessaa qophii haal dureetiin jabeeffachuudhaan waldhabdee abbootii amantaa  jidduutti uumamee ture da’oo taasifatee itti fayyadamuuf carraaqqii ol’aanaa taasisaa akka jiru qabatamaan argaa jirra.

Waldhabdeen sababa rakkoo bulchiinsa gaariifi afaan lallaba amantaatiin uumamee ture mariifi ilaafi ilaameedhaan fala kan argate ta’uunsaa utuu beekamuu tarsiimoo hookkaraaf qopheeffatan hojiirra oolchuudhaan milkeessuuf kan gargaaru waan ta’eef akka waan falli hinargamneetti fudhachuun hanga ammaatti dhimmicha miidiyaawwan isaaniirratti dhaadhessuun yaaliin itti fufiinsaan taasisaa jiran fakkeenya qabatamaa ta’ee kan fudhatamudha.

Waldhabdeen abbootii amantaa tawaahidoo ortodooksii Itiyoophiyaa jidduutti uumamee ture waltajjii hoogganaan biyyaa muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad,manguddoonni biyyaa beekamoon,akkasumas abbootii dhimmichaa kan ta’an abbootiin amantaa tawaahidoo ortodooksii Itiyoophiyaa iddoo argamanitti fala waaraa argateera.

Akkaataa kanaan bataskaanoota Oromiyaatti argaman keessatti baruumsi amantichaa Afaan Oromootiin akka barsiifamuufi kunis abbootii afaanicha beekaniin akka hojiirra oolfamu akkasumas caasaa keessatiin rakkooleen bulchiinsa gaarii calaqqisaa turan akka furamaniif waliigalamuudhaan abbootiin ba’anii turanis akka deebi’an taasifameera.Kunis ummanni hundi akka quba qabaatuuf adda babayiirratti miidiyaadhaan tamsaafameera.

Lammiiwwan Itiyoophiyaa saboonni,sab-lammoonniifi ummattoonni biyya keenyaa iddoo jiraatan hundatti haala qabatamaan jiru sirritti hubachuudhaan finxaalessaan kamiyyuu ergama itti kenname raawwachuufi faayidaa diinaan ittiin mindeeffaman eegsifachuuf jecha sochii taasisaa jiran qolachuudhaan nagaasaa eeguufi kuniinfachuun carraaqqii misoomaa itti fufsiisuun guddina diinagdee mirkaneessuuf carraaqqii itti fufiinsa qabu taasisuutu irraa eegama.

Mootummaafi qaamoleen mootummaa hundumtuu,humnoonni tasgabbii nagaan amanssiisaan akka jiraatuuf shoora isaanii gumaachuu kan danda’an hawaasni haalota qabatamaan jiran hubachuudhaan deeggarsa irraa eegamu taasisuu yoo danda’e qofadha.Dhimma kanna yaadachiisuuf yoo ta’e malee dhugaan kun ummata Itiyoophiyaatti kan himamu miti.Sababa humnoota badiif socho’aniin biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti balaawwan nam-tolchee hedduun uumamanii darbaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa obsa daangaa hinqabne waan taasiseef,ummannis gonkumaa hinjilbiinfadhu jedhee ejjennoo cimaadhaan tokkummaadhaan waan dhaabbateef akkasumas humnoonni tasgabbii hedduunis wareegama ol’aanaa waan baasaniif Itiyoophiyaan biyya shira diinaatiin hindiigamne,akkuma kanaan duraa biyya jabduu akka taate qabatamaan mirkanaa’eera.

Injifannoo cululuqaa kana diinonni Itiyoophiyaa duruu beekaman ijasaaniitiin arganiru.Lammiiwwan Itiyoophiyaa sababa ajandaa bocamee dhiyaatuun akka walqoodaniif,akkasumas dhumarratti nagaan isaanii boora’ee biyya isaaniirraa akka godaananiif walumaagalattis Itiyoophiyaan akka diigamtuuf bajanni maallaqaa ol’aanaan Ramadan bu’aa isaan barbaadan utuu hingalmeessisin dhadhaa abidda bu’e ta’ee jalaa hafeera.

Sababa kanaanis xiiqii keessa seenuudhaan miidhaan dabalataa akka ga’uuf akkuma baran carraaqqii itti fufiinsa qabu taasisuun isaanii waan hinoolleef birmadummaan Itiyoophiyaa keenyaa akka kabajamuuf nuhundumtuu dirqama lammummaa nurraa eegamu ba’uu qabna!Tarsiimoo finxaaleyyii 2ffaan qabadhee dhufa,nagaan turaa fayyaa ta’aa!

 

 

Post a Comment

0 Comments