Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 28,2015(YMN) Oromiyaan bal'oodha.Dur caaseffamni bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa bulchiinsawwan magaalaa muraasaafi godinaalee sagal qofaadhaan beekama ture.
Haalli kanaan dura ture amma hijiru.Jiraachuus hindanda'u.Dhawaataan jijjiiramaa deemuudhaan har'a baayi'iinni godinaalee Oromiyaa 21 ga'eera.Lakkoofsi magaalota Oromiyaas dabaleera,sadarkaan isaan qabanis dhawaataan guddachaa akka deemu taasifameera.
Jijjiiramni kun fedhii hawaasni yeroo yerootti mul'isu jiddu galeessa taasifachuudhaan murtee yeroo gara garaatti mootummaan dabarsuun argame.Jijjiiramni yoomillee waan hinolledha.Jijjiirama yeroo hunda nuwajjin jiru fudhannee yoo of jijjiiruu baanne waanuma barreen deemna yoo ta'e guddinni barbaadamu dhufuu hindanda'u.
Jijjiiramaan jijjiiramuun dirqama uumamni nurra keessedha jennee fudhannu malee idduma dura dhaabbannetti hafuun dirqama ta'a.
Dhugaa kana jiduu galeessa taasifachuudhaan jijjiiramni caaseeffama bulchiinsaa fedhii hawaasaafi mootummaa guutuuf murtee dabarsuun barbaachisaadha.
Manni marii mootummaa naannoo Oromiyaa murtee tibbana dabarseen caaseffama bulchiinsa magaalotaafi godina haarawa Boorana bahaa ilaalchisuun murtee hawaasa bal'aa fayyadu dabarseera.
Akkuma beekamu ammoo murteen yeroo gara garaatti mootummaan dabarsu qaama hunda gammachiisa jedhamee hinyaadamu.Murtee darbeen irra jiraan gammadee fudhatus hanga tokko hanqina hubannoofi sababoota kanneen birootiinis dhiibamuudhaan murtee darbe balaaleeffachuu danda'a.
Kun maalif ta'e jechuun hindanda'amu.Jijjiirama dhufu hundumtuu tole jedhee yeroo tokkotti fudhachuu hindanda'u.
1ffaa yeroon murteen kun itti darbe medaallii keessa galuu qaba ture.Yeroo ajandaawwan gara garaa jiranitti ta'uunsaa qaawwa uumeera.Humnoonni qaawwa jirutti fayyadamuu barbaadan akka jiranis yaaduun gaariidha.Gara garummaa hanga tokko jiruttis fayyadamaa akka jiran qabatamaan mul'achaa jira.
Mormii iddoowwan muraasatti dhaga'ame Oromiyaa maratti jeeqamsi babal'ataa waan jiru fakkeessuun dhiitee bariitee dhimma kana afarsuun humnoota badii kanarraa kan ka'u akka ta'e hubachuun barbaachisaadha.
2ffaa Murtee dabarsuu qofa utuu hintaane,bu'urri murtee darbee maal akka ta'e akkasumas faayidaan inni argamsiiu tokko lama jedhamee hawaasa hundatti himamuu qaba.Murtee dabarsuu qofaan bu'aan barbaadamu argamuu hindanda'u.Hubachiisuu,beeksisuu iftoomina uumuu barbaada.
Kana utuu hin hojjetin hawaasa sababa hanqina hubannootiin duuchumatti mormu komachuun rakkisaa ta'a.Kanaaf qaamoleen mootummaa dhimmi isaan ilaallatu miidiyaawwan keessumattuu miidiyaawwan Afaan Oromootiin hojjetan utuu hin rinciccaa'in murtee mootummaan Naannoo Oromiyaa dhiyeenya darbarse kana irratti hojii iftoomina uumu hojjechuutu irraa eegama.
Qaamoleen mootummaa dhimmi isaan ilaallatus kadhatama tokko malee sab-quunamtiileef ibsaafi ragaa qabatamaa dhimmicha irratti xiyyeeffate kennuu qabu.Kana hingootu taanaan ummanni ati bakka buute humnoota badiitiin burjaajeeffamaa jiraata.Jireenyi burjaajii qabu ammoo maraammarttoo hiyyummaatiin qabamuun waan hinoolledha. Fayyaa ta'aa!
0 Comments