Waan hunda akka ofiif tolutti!




Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 17,2015(YMN) Dhimma ofii raawwachiifachuu yoo barbaadan mootummaan akka jidduu galu gaafatu,dhimmichi kan isaanii akka hintaane yoo hubatan ammoo mootummaan jidduu galeera jechuun komatanii komachisiisu.Maal wanti akkanaa?Abbootiin amantaa maalif akkana ta'anii? Guutummaatti siyaasatti galuudhaan maalif hinqabsaa'an? Ibsa deddeebi'aa jirtutu kana najejichiise.Yoondogngore nahoofkalchaa!Abbaafi kalaqaan Yaadi Media Network Jaarsoo Abbaa Biyyaa jaarsa biyyaati waan ta'eef ofii dogongoree isin dogongorsiisuu hinbarbaadu
Hundumaafuu amantaa da'eeffachuudhaan wanti akka isaanitti toluuf harka nama biraa micciiruuf raawwachaa jiran kun sirrii miti.Waaqni uumaa hundaa,gurraachi garaa garbaa waan hunda ta'aa jiru argaa jira.
Finxaaleeyyiifi deeggartoota isaanii jalaa ajndaan waan dhume fakkaata.Wantoota xixxiqishuu tokko tokko hordofuudhaan ho'isuuf carraaqaa jiru.Tarsiimoowwan qopheeffatan keessaa ammoo dhimma Amntaa tana itti deddeebi'u.Ajandaan jeeqamsaa jalaa haphachuu yeroo hubatanitti akkuma barame dhimma amantaa Ortoodooksii  finiinsuu barbaadu.Wanti gochaa jiranis dhugaa kana mul'isa.
Dhimmi waldhabdee abbootii Amantaa sababa rakkoo bulchiinsa gaariifi Afaaniitiin mudatee ture marii bilichaataadhaan furmaata erga argatee booda boodatti deebi'uun isuma gaggaragalchuun waa malee akka hintaane hubachuun barbaachisaadha.
Waan irratti waliigalantu gaabbisiiseen jechuun nidanda'ama.Murteen mariidhaan darbeefi wanti irratti waliigalan takka taa'anii yoo xiinxalan akka duraan baranitti deemuuf kan isaan rakkisu akka ta'e hubannaan wareeranii waan dammaqaa jiran fakkaata.
Fakkeenyaan haa ilaallu! Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin baruumsi amantaa akka kennamu hinbarbaadan.Duras waan godhan dhabanii irruma dibaan tole jechuudhaan waliigalan.Baruumsi Amantaa bataskaanoota Oromiyaas ta'ee iddoo birootti Afaan hordoftoonni amantichaa hordofaniin yoo kennamu fudhatamummaan isaan qaban jalaa hir'achaa akka deemu sirritti beeku.Kabajaafi fudhatamummaa argachaa turan dhabuun isaaniif salphinaafi du'a akka ta'es beeku.Kanaaf fafakkeessanii wixiffachaa jiru.
Abbootiin amantaa kanaan dura ba'anii Abbaa Saawiroosfa'iin muudaman dhuunfaadhaan iyyata dhiifama galfachuu qabu jechuudhaan falmuun ibsa baasuun maalirraa ka'a? jechuun gaafachuun barbaachisaadha.Gamtaadhaan dhiifama gaafachuu hindanda'an qofaa qofaatti gaafachuu qabu jechuun isaaniis gorsa abukaatoota isaaniirraa kan ka'u akka ta'e beekuun barbaachisaadha.Jaarsoon adeemsa jiru haala kanaan ilaala.Yaada keessan itti daabalaa.Fayyaa ta'aa!

Post a Comment

0 Comments