Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 19,2015(YMN) Walga'iin idilee 11ffaan mana marii bakka bu'oota ummataa jalqabameera.Miseensoonni mana marichaa gaaffii gaafachuu eegalaniiru.Gaaffiiwwan dhiyaatan raawwii hojii baatii jahaa irratti kan bu'uuraa'anidha jedhameera.
Gaafiiwwaniifi yaadoota miseensoota mana marichaa irraa ka'an
1.Imalli lammiiwwanii maalif daangeeffame?Gara Finfinnee dhufuun maalif dhorkame?
2.Qaala'iinsi jireenyaa maalif fala dhabee ture?
3.Gabaasi baatii jahaa sanadaan maalif nuuf kennamuu dide?Kirstiiyaan Taaddalatiin
4.Deebii yoo kennitan garagalcha mootummaa akka hinjenne adaraa!Kiristiyaan Taaddala
5.Mootummaan isin hooggantan biyya diigaa jira-Kirstiyaan Taaddala
6.Isin komatamaa waan jirtaniif akka Obbo Hayilamaariyaamitti maalif taayitaa gadi hinkakkiftan?-Kirstiyaan Taaddala
7.Mootummaan Badhaadhinaa ummata miidhama irraa maalif baraaruu dadhabe?
8.Waraana keessaafi alaa nutti baname ga'uumsaan qolachuu waan dandeenyeef isin akka hooggansaatti galata guddaa qabdu.Jiraattoota Naannoo Tigraayiif amma nagana waan bu'uuf baga gammaddan!
9.Kabajamoo muummicha ministiraa keenya waraanni nuffisiisaa nutti ta'eera
10.Ummanni waliin jiraachaa ture diinummaadhaan akka walitti deemu maalif taasifamaa jira?
11.Ummanni mirgi heera mootummaatiin goonfate maalif jalaa sarbaamaa jira?
12Isiniifi haati warraa keessan jaalattajii sabaaf gargar hin taane.Isin Oromoodha.Haati warraa keessan aade Zinnaash Taayyaachoo Amaaradha.Ijoolleen isin jidduudhaa argaman maal jedhamuu?Humnoota jibbiinsa afarsaa jiran qolachuun barbaachisaadha.Kallattii maalii nuuf kennituu?
13.Naannoo Oromiyaatti nagaan akka bu'uuf gaaffiin mootummaan humna hidhateef dhiyeesse deebii akkmii kenne?
14.Lammiin Itiyoophiyaa waliigaltee nagaa mormu lammii akkamiitii?TPLF wajjin mari'atamee nagaan akka bu'u taasifamuun maaliin isaan miidha?
15.Hattoonni haqa dabsaa jiru waan ta'[eef hattoota balleessuuf hojjechuun barbaachisaadha.Gama kanaan hubannoon hawaasaa adda dabaluuf hanga ammaatti maaltu hojjetamee?Koreen ittisa farra malaammaltummaa hammam qulqulluudhaa?
16.Qaala'iinisi jireenyaa lammiiwwan miidhaa jira.Mootummaan rakkoo kana dhabamsiisuuf maal yaadeera?
17.Daandiin ottollee-kottollee ......xxxxdauhuhsjbsbddgs maalif ijaarsisaa utuu hinxumuramin ture?
18.Mootummaan dhiyeessii humna elektiriikaa waliin ga'uuf carraaqus dhibbentaan 44 akka hincaalle himama.Kun maalif ta'e?Addaan cicciituu ibsaa maalif dabalaa deeme?Kun rakkoo bulchiinsa gaariiti.Haalli kun guddina biyyaa irratti dhiibbaa qaba.Jijjiiramaan asitti hanga tokko fooyya'uumsi jiraatus rakkoo biyyaati,damee kanarra jira faalli maalidha?Ijaarsa hidha guddichaa xumuruuf maaltu yaadame?
19.Walga'uumsi pirojaktoota bu'uura misoomaa maalif walsimuu dadhabe?Daandiin Buunoo Baddalleefi Wallagga lixaa utuu deebii hinargatin maalif ture?
20-.Imala badhaadhinaa saffisiisuuf misoomni daandii xiyyeeffannoo argachuu qaba.Gaaffiin dandii asfaaltii ummanni dhiyeessu deebii argachuu qaba=.Ejersa rufaa.....
21.Gabaasi raawwii baatii jahaa akka mul'isutti sababa rakkoo nagaatiin pirojaktoota misoomaa hojjechuun hindanda'amne.Qonnaan bultoonni kaffaltii beenyaa yerootti argachuu hindandeenye.
22.Baajatini gahaan utuu hinramadamin pirojaktiin ijaarsa daandii maalif jalqabamaa?
23.Haamar,Nyaangaatoomfi naannawasaatti sababa balaa hoongeetiin ummanni miidhameera.Deebiin gahaan kennamaa hinjiru.Balaa Hoongee ittisuuf maaltu yaadamee?Kanneen suuraa nukaasanii birrii kudhan nuuf kennan jiru.Abbaa keenya muummicha ministiraa ummanni dhaqxanii akka daawwataniin barbaada
24.Daandiin Roobee Gaasaraa Gindhiir maalif addaan cite?
25.Mootummaan dhimma tajaajila fayyaatiif xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechaa jira.Garuu tajaajilamtoonni tajaajila gahaa argachaa akka hinjirre dubbachaa jiru.Dawaan hinjiru.Dhaabbileen fayyaa akka babal'ataniif taasiifamuun gaariidha.
26.Rakkoon damee barnootaa fala akka argatuuf hojjetamaa jira.Sirna barnootaa haarawaan qulqullinni barnootaa akka mirkanaa'uuf maaltu yaadame?Dhiyeessiin kitaaboota barnootaa maalof rakkoo ta'ee ture?
27.Bu'uurawwan misoomaa ijaarsisaanii eegalame turuun rakkoo bulchiinsa gaari mitii?
28.Naannoon Kibba lixa Itiyoophiyaa haarawaan bajata ramadaamuuf hinqabu.Mootummaan Federaalaa maal yaade?
29.Mootummaan balaa hoongee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin miidhaa geessisaa jiru waaraan hambisuuf mootummaan maal yaade?
30.Miidhaa waraanaan ga'een dhaabbileen guutummaatti diigaman akkamitti deebi'anii ijaaramuu?Dhaabbileen Naannoo Amaaraatti waraanana diigaman deebi'anii akka ijaaramaniif carraaqqiin mootummaan taasisaa jiru dadhabaadha.
31.Dhaabbileen miidiyaa tokko tokko faayidaa dhuunfaa qofa jiddu galeessa taasifachuun diigumsaaf hojjechaa jiru.Dhaabbilee miidiyaa biyya keessaa akka seerri ajajutti maalif dhaabsisuun dadhabame?
Gaaffiiwwan miseensoota mana marichaa irraa dhiyaatan kana qofaa miti.Hanga danda'ametu qabame.
Deebii Muummicha ministiraa
Gabaasa raawwii hojii baatii jahaa duurseen isiniif erge.
Gaaffiiwwan misoomaa hedduun ka'aniiru.Kan itti xiyyeeffachuu qabnu dhimma diinagdee ta'us duree dhimma Nagaa irrattin xiyyeeffadha.Haala Nagaa fooyya'aatu jira.Nagaa guutuu argachuuf hedduu hojjechuu qabna.Isin yaadachiisuuf waraanni kaabaa dhaabbachuun nagaan fooyya'aan akka jiru mul'isa.Qindoominaan hojjechuu qabna.Dhukaafni yoo dhaabbatu battalumatti nagaan bu'a jechuu miti.
Biyya keenya siyaasa humnaatu jira.Humni yoodhabame ammoo siyaasa shiraatu jira.Humnoonni waraanni yoo jiru nagaan akka bu'uuf gaafachaa turan nagaan yoo bu'u ammoo maalif nagaan bu'e jechuun gaafatu.Wal ajjeesuuf ariifachuu hinqabnu kan jennu nagaa waan barbaadnuufidha.
Nagaa buusuun hojii salphaa miti.Nagaan gootummaadhaan argama.Nagaan carraaqqiidhaan argama.Waan humna qofaan argamu miti.Waloon nagaaf akka dhaabbannun isin gaafadha.Nagaa waaraa argachuuf hojjechaa jirra.
Miidiyaa ilaalchisee gaaffii ka'eef miidiyaawwan baay'eetu jira.Namni filatee hordofuu qaba.Kan 'You tube' irra jiru hunda hordofuun balaa fida.Miidiyaa waan ta'e qofaaf hordofama yoo ta'e rakkoodha.Bilisummaan miidiyaa hanga maaliittii?Waan faallaa hojjechuu qofaayii?miidiyaa bilisaaa jechuun akka amma jiru kana miti.Itti gaafatama fudhachuu qaba.Waanjoon ala miti.'Sencership' of gochuu qabu.
Itti gaafatamummmaa bilisummaa wajjin dhufu fudhachuuf qophaa'uu qabu.Nama hinduune ajjeesanii gabaasu.Miidiyaawwan badii kun waldhabdee baay'isu.Waldhabdee yeroo dhabanitti seenaa irratti xiyeeffatu.Miidiyaawwan kun morma muruudhaan Haabilii kutanii fudhachuu kanneen barbaadanidha.Isaan dhaggeeffachuu dhiisuun isaan adabuu dandeenya.
Abbaan taayitaa miidiyaalee seera cimsuun hojjechaa jira.
Bilisummaadhaan socho'uu ilaalchisee,bilisummaadhaan socho'uun mirgadha.Kanaaf nihojjenna.Dubbii keenya irratti Finfinneetti dachaa ta'eera.Dhibbentaan 96 jiraattoota Finfinnee miti.Finfinnee jiddu gala jeequmsaa taasisuu qabna jechuun humnoonni qophaa'an jiru.Qolachuuf hojjenneerra,bu'aas argamsiifaneerra.Ragaa utuu hin argatin wanti hojjenne hinjiru.Mallattoo nama tokkootiin namni otubusiin guutuun qabameera.Miidhaa ga'uu danda'u hambisuu danyeenyee jirra
Humnoonni badii yeroo ayyaanaa eeggachuudhaan namoonni baay'een gara Finfinnee akka dhufan taasisaniiru.Garafuuduraattis nitaasisu.Rakkoo kana qolachuuf jiraattoonni Magaalaa Finfinnee humnoota tasgabbii wajjin qindaa'uudhaan hojjechuu qabu.
Badiidhaaf taanaan socho'uun hindanda'amu.Nidhorkama.Yoo kana gochuu baaanne hundatu miidhama.Sakkatta'iinsi nicima.
Itiyoophiyaan biyya Itiyoophiyaanotaati.Hundumtuu bilisummaadhaan socho'ee jiraachuu danda'a.Gareewwan Amaaraafi Oromoo faallaa kanaan deeman of sirreessuu qabu.Humna saboota lamaanii misoomaaf fayyadamuu qabna.
Namoonni of danqan jiraatanis humnoonni hidhatanii socho'an miidhaa akka geessisan nibeekama.
Nagaan yoo bu'e karoorri qabanne nuuf hinmilkaa'u jechuun kan socho'an jiru.Mootummaa yoo dhiphifne taayitaa irraa bu'uu danda'a jechuun kan yaadan jiru.
Mootummaan biyya diiguuf socho'aa jira gaaffii jedhu qoosaa baranaa akka ta'ettin fudhadha.Amma yaaddoon Itiyoophiyaan nidiigmti jedhu hinjiru.
Warra itti dukkanaa'etu yaada badii darbata.Lammiiwwan biyya alaatii dhufan koronaafi balaawwan hedduun utuu jiranuu akkamitti jijjiirama galmeessisuu dandeessan? jechuun ajaa'ibsiifatanii gaafatu.
Mootummaa amma jiru jijjiiruun kan danda'mu yaadi fooyya'aan yoo dhufu qofadha.Yaada fooyya'aa malee hinta'u.
Mootummaan demokraasiin akka ijaaramuuf,akka dagaaguuf hojjechaa jira.Yoo kun ta'uu baate gara abbaa irrummaatti deema.Mootummaan gara abbaa Irrummaatti akka hindeemneef deeggaruu qabdu
Maalif taayitaa gadi hinlakkiftan gaaffii jedhuuf walumaan gadi lakkisuu qabna jedhamee dhiyaachuu qaba(Kolfa...)
Dhimma shanee ilaalchisee rakkoon jiru karaa nagaatiin fala waaraa akka argatuuf mootummaan fedhii guddaa qaba.Baatiiwwan 8 darban keessa yaaliin 10 ol taasifameera.Gareewwan bakka bakka jiran waan ta'aniif ejjennoo gara garaa qabatanii dhufaa jiru.Mootummaan humna kamiyyuu wajjin rakkoon jiru marii nagaatiin akka fala argatu barbaada.Dhimma shanee irratti koreen hundeeffamee hojjechaa jira.
Tapha Oromiyaan ni fottoqxi jedhu dhiisaa,hinfottoqnu Itiyoophiyaa nibarbaadna waan ta'eef.
Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad dhimma Nagaa ilaalchisuudhaan ibsaafi deebii bal'aa erga kennanii booda bqonnaa ba'aniiru.Itti aansee gaaffiiwwan dhimma diinagdee irratti dhiyaataniif deebii kennu.
=>Addunyaan rakkoo diinagdeetiin dararamaa jirti.Hanga ammaatti taateewwan rakkoo diinagdee afurtu jira.Rakkoo amma numudachaa jiru hubachuuf taateewwan addunyaa kana hubachuun barbaachisaadha.Rakkoon kun kan mudatu:
.Liqaan guddaan yoo jiraatuufi deebisuun yoo ulfaatu
.Galiin yoo hir'atu
Qaala'iinsi cimaaan yoo mudatudha.
Kana malees muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad dhimmoota biyyaafi idil addunyaa hedduu kanneen biroo irratti miseensoota mana mari bakka bu'oota ummataatiif deebiifi ibsa bal'aa kennaniiru.Ani waan xiqqoo danda'e qofaan barreeffamaan isiniif dhiyeessuuf yaale malee kan himame baay'eedha.Hundumaafuu hubannoo guutuudhaaf kan Raadiyoofi Telviziyoona irratti kallattiidhaan tamsa'aa jiruufi boodas irra deebiidhaan tamsaafamu hordofaa.Fayyaa ta'aa!
0 Comments