'Hawwiin koo aangoo gadhiisee gaazexeessaa ta'uudha' pirezidaant Kaagaamee



Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 27,2015(YMN) Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen turtii waggaa 23n booda soorama baallii dabarsuuf qophii ta'uu ibsan.
Pirezidantichi iddoo  gitisaanii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo jiranitti magaalaa guddoo biyyattii Kigaaliitti kana dubbatan.
Qondaalli siyaasaa gameessi Afrikaa keessatti maqaa guddaa qaban kunis adeemsa baallii dabarsuurratti paartiin isaanii bal'inaan mari'achuu himan.
Soorama ba'uun isaanii ''waan hin oolle'' ta'uus eeraniiru. pirezidaant  Kaagaameen akka jedhanitti, fedhiin isaanii nama isaan bakka bu'u filachuu qofa miti.
Namoota baallii harkaa fuudhaniif haala mijataa uumuurratti akka xiyyeeffatan ibsan.
''Paartii kiyya waliin dhimma kanarratti erga bara 2010 eegallee mari'ataa jirra. Garuu haalonni, qormaati biyyattiin qabduu fi seenaan Ruwaandaa waan qajeelchinu aka qabnu nutti mul'isa,'' jedhan.
BBC'n akka gabaasetti 'Dulluma qabaadhus gaaf tokko gaazexeessaa ta'ee akkan hojjedhu nan amana,'' jedhan pirezidaant Kaagaameen.

Post a Comment

0 Comments