Maaddii qooduun amaleeffamaa jira



Finfinnee #Ethiopia Eebila 08,2015(YMN) Muummichi ministiraafi giiftii dureen manguddootaafi namoota sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irratti argamaniif ayyaana Faasikaa sababeeffachuun maaddii qoodaniiru.
Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmadiifi haati warraa isaanii giiftii duree Zinnaash Taayyaachaw kanaan duras tibba ayyaanaatti manguddootaafi lammiiwwan sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irratti argamaniif maaddii qooduudhaan beekamu.
Sagantaa kana duras muummichi ministiraa lammiiwwan galii gadi aanaa qabaniif omishawwan gara garaa ayyaanaa ittiin oolan akka qoodan nibeekama.
Haaluma walfakkaatuun Pirezidaant Saahilawarq Zawudeefi bulchiinsi Magaalaa Finfinnee lammiiwwan hedduu sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irratti argamaniif maaddii qoodaniiru.
Hawaasni marti fakkenyummaa kana fudhachuudhaan naannawasaatti kanneen rakkataniif maaddii qooduudhaan ayyaana akka dabarsan taasisaa akka jiru nibeekama.
Sagantaan hooggantootaafi qaamolee hawaasaa gara garaatiin yeroo ayyaanaatti lammiiwwan sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irratti argamaniif maaddii qooduun baramaa dhufeera.Hojiin tola ooltummaa kun amaleeffamuudhaan babal'achaa akka jiru haaluma qabatamaan jiru irraa hubachuun nidanda'ama.

Post a Comment

0 Comments