Miseensonni kaabinee bulchiinsa yeroo ce’uumsaa Tigraay eenyufa’i?



Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 27,2015(YMN) Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfamu kaabinee miseensota 27 qabu har’a ifoomseera. Kaabineen haaraan kun TPLF, humnoota Tigraay,hayyoota fi paartii siyaasaa Baayitoonaa irraa ijaarame. Kaabinee kana keessaa dhibbeentaan 51 TPLF yoo ta'u, Paartiin mormituu Baayitoonaa waajjira lama injifateera. Miseensonni Kaabinee: Lt. Gen.Taddasa Warradaa - Itti Aanaa Pirezidaantii fi Hogganaa Barreessaa Kaabinee Tasgabbii fi Nageenyaa Lt. Gen. Tsaadiqaan G/tinsaay - Hogganaa Sekreetariyaatii Kaabinee Giddugaleessaa fi Dimookiraazeeshinii sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii obbo Bayyanaa Mikruu - Hogganaa Sekreetara mana marii Cee'umsa Misooma Diinagdee Dr. Haagos Godafaayi - Hogganaa Caffee Sektraraa Karoora, Galii fi Bulchiinsa Qabeenyaa Piroofeesar Kaandeya Gebrehiwet - Hogganaa Sekreetara Kaabinee Ce'umsa Misooma Hawaasummaa Aadde Yaalam Tsagayi - Hoggantuun Sekreetaraa Kaabinee Misooma Bu'uuraa B/Jeneraal Taklaayi Ashabbir - Hogganaa Sekreetara Kaabinee Ijaarsa fi Haaromsaa Dr. Algaanesh Tasamma - Hogganaa Seektara Saayinsii, Teeknooloojii, Innooveeshinii fi Leenjii.. Dr. Atsibahaa G/Igziabiheer - Hogganaa Waajjira Aadaa fi Tuurizimii ta’aniiru.
Gama biraatiin, Bulchiinsi yeroo haaraan kun har'a bulchiinsa duraanii wajjiin sirna Aangoo walharkaa fudhiinsaa Maqaleetti taasisera.
Maddi Suuraa: Kominikeeshinii Naannoo Tigraay

Post a Comment

0 Comments