Waltajjii Marii Naqamtee irratti ergaa Muummichi Ministiraa Dabarsan

  



Finfinnee #Ethiopia Eebila 12,2015(YMN) Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad Eebila 11 bara 2015 bakka bu'oota ummata godinaalee Wallagga afranii wajjin Magaalaa Naqamteetti mari'ataniiru.Gaaffiiwwan gara garaa bakka bu'oonni kaasaniif muummichi ministiraa deebii bal'aa kennaniiru.Dhimmoota gurguddoo irratti wanti isaan jedhan akka itti aanutti dhiyaateera,hubannoo guutuu qabaachuuf dubbisaa.

"Nageenyi nama dhuunfaaf,maatiif,magaalaa aanaa godinaafis ta’e akka naannoofi biyyaatti nibarbaachisa.Nageenyi waan hunda waan ta’eef.Nagaadhaan ala misooma yaaduun hindanada’amu.Nageenyaafis beellama addaa qabachuun barbaachisaa miti.Har’uma irraa kaasee Wallagga keessatti keessattuu Oromoon walajjeesuu,walarrabsuu,waltuffachuu,walxiqqeessuu keessaa ba’uu qaba.

Gara garummaan yaadaa jiraachuu mala.Rakkoo hinqabu.Gara garummaa yaadaa Oromoo Saba guddaa dhiisaatii lakkoofsa xiqqaatiin,maatii xiqqaa keessattis namni guutumaafi guutuutti yaadisaa walfakkaachuu dhiisuu danda’a.Oromoon bal’aadha.Akka bal’inasaatti aadaa baay’ee qaba,amantaas qaba,akka jireenyasaa akka dacheensaa bal’ate sanattis yaadins bal’chuu danda’a,rakkoo hinqabu inni.

Garuu gara garummaa yaadaa qabnu irratti akkuma aadaa keenyaatti teenyee mari’achuu,walqeequu,walqorachuu,dandeenya taanaan hanga rasaasaatti deemuun barbaachisaa miti.Amma isin waa’ee misoomaa kaaftanii jirtu.Daandii Ibsaa….isa dhiisaa namni wallagga keessatti guddatee har’a aangoo qabatee jiru kun biyya kana deemeen daawwadhaa,keessan oofa,keessan bula,ummatakoo deemeen ilaala jechuuf rakkachuusaa akkamitti ilaaltuu?Amma kana rakkanne.Utuu yaadnuu,utuu lapheen keenya dhiyoo jiruu,ummata keenya biyya keenya ilaaluun rakkoo ture nibeektu.

Nuti jijjiirama booddee namoota Asmaraa turan gaafa deebifnu kaayyoon keenya paartii tokko ta’uu dandeenya yaadni keenya tokko ta’aa miti.Galmi keenya tokko ta’ee,adeemsi keenya gara garummaa kan qabu ta’uu danda’a.Kana waldandeenyee teenyee mari’achaa hojjechuu dandeenya.Mootummaa keenya keessa gala jennee Obbo Qajeelaan kaabinee keenyaa bar.Dura taa’aan ABO kaabinee Shimallis keessatti hojjetu.Rakkoo hinqabu.Mari’annee jennaan yaadaan gara garummaa keenya qabannee hojii wajjin hojjechuun nidanda’ama.Baay’ee kan nama gaddisiisu keessattuu kan Wallaggaa,namni ummata Oromootiif qabsaa’u,namni mirga Oromootiif qabsaa’u maalif warshaa naannawa kana keessatti ijaaramu dhaabsisa?daandii maalif dhaabsisa?Daandiin ummataaf hojjetama mootummaaf miti kan hojjetamu.Daandii hundi keenyayyuu eegaa yeroo walarginummoo walloluu,walarrabsuu walqeequun homaa miti.Daandii sana eeguu irratti garuu gara garummaan jiraachuu hinqabu.

Ummanni Tigraay bara 1977 beela’ee ture nibeektu,nama baay’ees hammattanii jirtu asitti.Bara sana keessa TPLF fi Darguun ummata Tigraay eeguu nyaachisuu keessatti ga’een isaanii walfakkaata.Tigraay hanga danda’ametti mootummaan Darguu nibulcha waan tureef bakka inni hiingeenyetti kan ummataaf midhaan raabsu TPLF ture.Ummannikoo beela’uu hinqabu,rakkachuu hinqabu jedhee.Amma Wallagga keessatti gara garummaan yaadaa bakka jirutti nubarbaachisa tuqamuu hinqabu ‘sub station’nubarbaachisa tuqamuu hinqabu,warshaan haaijaaramu kanaa achi garuu waliingallu,yaadi keenya gara garaa,tarsiimoon keenya walhinfakkaatu jennee walqeequun homaa rakkoo hinqabu

Amma finxaaleeyyiin naannoo biraa nuajjeesanii,jireenya keenya irraa nubuqqisan jettenii jirtu,kan jaraa yaahafu asuma Naqamtee keessatti ijoolleen isin tajaajiluuf mootummaadhaan muudaman meeqatu aarsaa ta’e?jara kan ajjeese finxaaleeyyiidhaa?Wallagga bahaa keessatti hooggansa dhibbaa oltu du’e.Maalif walajjeefna?waltajjii teenyee galma keessatti walqeeqaa yaadini keessan sirrii miti adeemsi keessan sirrii miti jechaa baka hojiittimmoo walgargaaruu hindandeenyuu?Akkamitti biqiltuu dhaabuu irratti Oromoon gargar ba’aa?Daandii ijaaruu irratti akkamitti gargar ba’a?kun hunda keenyaaf kan tolu hundi keenya kan barbaadnu hundi keenya carraa argannaan kan hojjechuu dandeenyudha,kan hojjetamu ummata keenyaaf waan ta’eef.Adaraa keessoo keennya haailaallu.Oromoon waltiksuu dhiisaatii,waliyyaafatee jennaan namni kaan darbee Oromoo tuquu hindanda’u,qaawwa kan bane nuyi,kan walqoodaa  jiru nuyi,kan walajjeesaa jiru nuyi,kana keessatti inni kaan fayyadamuu danda’a.Rakkoo keessoo keenyaa hiikkannee jennaan inni kaan nama yaaddessa jedhee hinyaadu gamakootiin.

Kanaaf namoonni yaadni keessan ykn.yaadni jaraa nurraa adda ta’e 1ffaa guyyaa har’aa irraa kaasanii nagaan galuu danda’u 2ffaa nagaan galanii tarsiimoo isaanii kaayyoo isaanii yaada isaanii ummata isaaniif ibachuu danda’u.Yoo baay’ate waggaa sadihi filannoon,ummanni Wallaggaa,ummata beekaa kana yaada gaarii qabaatanii amansiisanii jennaan ummanni nifilata.Ummanni kun Abiy hinbarbaadu Shimallis naaf wayya jennaan gammachuu guddaadhaan itti laanna rakkoon hinjiru.Kun garuu humnaan ta’uu hinqabu.Kun garuu har’a yoo Abiy moo’e boru Shimallis moo’uu akka danda’utti yaadaa bu’uurawwan misoomaa waliin hojjechaa deemuudha malee gaafa dabaree Abiy Shimallis akka hojiin hinhojjenne,gaafa dabaree Shimallis animmoo akka hinhojjetamne godhee waliigala utuu hojiin tokkollee hin hojjetamne yeroo keenya balleessuun barbaachisaa miti.

Waa’ee mana baruumsaa,waa’ee daandii,waa’ee ibsaa irratti ilaalchi keenya tokko ta’uu qaba.Waggaa 30 dura asuma galma kana keessatti  gaaffiin ka’aa ture ibsaan Finca’aa irraa ba’ee achi darbee deema ibsaan as hinjiru,aspaaltiin silaa hinbeekamu  wallagga keessatti,nibeektu isinuu.


Ambootii gadi wanti aspaaltii jedhamu hinjiru.Asii Dambidoolloo deemuun guyyaa tokkotti hindanda’amu.Shaambuufi Baakkoon dhoqqeensaa nama hindeemsisu.Akkuma jijjiiramni dhufeen Wallaggi miidhameera,misoomuu qaba,misoomni wallaggaa dura irratti kan hojjetamuu qabu daandiidha.Daandii ijaarree jennaan lafa bareedaa qaba,dargaggoonsaa baay’eedha,dargaggoo kana yoo hojiitti galchine Wallaggi quufee isa kaan nyaachisuu danda’a.Daandii argatee jennaan Naannoo Amaaraattis,Beeniishaangulittis,Gaambeellaattis,Suudaanittis gabaa argachuu danda’a

Daandiitti aanee xiyyeeffannaan keenya qonna irratti ta’uu qaba.Lafas ta’e bishaan qaba,qonnee jennaan ofiifis hinyaata,gurgurees nibuufata.3ffaan Albuudadha.Warqii baay’eetu jira beektu.Warqiin kun ummata Wallaggaa hinfayyadne,niba’a,bakki deemu hinbeekamu,abbaan warqii sassaabes waan tokko hojjetee gaafa jijjiiramus hinmul’atu.Hattummaaf oola.Daandii hojjennee,qonna hammayyeessinee albuuda baafnee jennaan kan Indaastirii,kan Istaadiyamii kan manaa achii dhufuu danda’a ture yaadni keenya.

Daandiin qabame koontiraata naannoo 20ti,mootummaan Federaalaa Wallaggaaf kennee namoonni kun hojjechuuf rakkatanii dhaabbatee jiru.Hanga Wallaggaaf kenname Oromiyaa keessatti godina kamiifuu hinkennamne rakkoon waan as tureef.Utuu daandiin sun hojjetamaa garaa garummaan keenya itti fufee jiraatee har’a gaaffii biraa kaaftu,waa’een daandii dhumatee silaa gaaffii haarawa kaaftu.Warri isin wajjin gaaffii daandii kaasan daandiin sun dhumatee amma waan haarawa gaafachaa jiru.Asitti gaaffii waggaa 4,5,6'n duraatu deebi’ee ka’aa jira,maalif?carraa argametti gargaaramuu waan hindandeenyeef.Carraa guddaa argannee itti gargaaramuu waan hindandeenyeef gaaffiin keenya deddeebi’ee ka’aa jira.

Amma gaaffii isin kaftan dhiiseen ani gaaffii isin gaafachuu barbaada.Wallagga baay’ee jaalanna isinuu beektu.Hanga filannoon dhufutti carraa waggaa sadi qabna.Waggaa sadeen kana keessatti naannawa kana hanga humni keenya danda’etti jijjiiruu barbaadna.Gaaffiiwwan keessan keessaa %10,%20,%,30%,%50 deebisuu barbaadna.Kanaaf nugargaaraa.Yeroo nugargaartan waan tokko nugargaaraa,nujibbaa,nuqeeqaa,nuarrabsaa garuu hojii misoomaa hindhaabsisinaa.Walqeeqaa hojiin haahojjetamu rakkoon hinjiru.Namni Wallagga deemuun hindanda’amu,Wallaggatti hojjechuun hindanda’amu,Wallagga deemuu hinbarbaadu jennaan mootummaan maal gochuu danda’aa?Homaa gochuu hindandeenyu.Waggaa sadi nufuuldura  jiru carraa guddaa waan ta’eef itti gargaaramnee naannawa kana jijjiiruu akka dandeenyuuf nugargaaraa.

Warri yaada keenya jibbitanii qabsooftanis,ergaan kun hundaaf waan ta’eef qabsoon keessan kabajamaadha garuu daandii hojjetamu hindhaabsisinaa.Daandiin kun ummata keessaniif waan ta’eef,dhugaa Oromoo yoo taatan,Oromoof qabsooftu yoo ta’e carraan kun nudarbuu hinqabu waan ta’eef hojii misoomaa dhaabsisuun sirrii miti hundi keenya eegnee hojjechiisuu qabna.Ummanni Wallaggaa nugargaaru dandeenyaan rakkoon keenya walakkaan nihiikama.Bishaan,Istaadiyamii,Paarkii Induustirii jettanii jirtu hundumtuu ta’uu kan danda’u nageenyi yoo jiraate qofadha.Nagaan nurka jira,Suudaan miti dhufee kan nujeeqaa jiru,Gaambellaa miti dhufee kan nujeeqaa jiru.Kan waljeeqaa jiru nuyi.Gara garummaa yaadaa waltajjiif dhiifnee waa’ee misoomaa irratti waliin dhaabbachuu yoo dandeenye rakkoon ummata Wallaggaa baay’eensaa hiikamuu nidanda’a jedheen yaada.Isa gurguddaa nuti nihojjenna,Isa nutti aanee jiru Shimallis nihojjeta.Kan Istaadiyamii,kan buufata xiyaaraa,kan paarkii Induustirii,warshaa daabboofi kanneen kana fakkaataniif mucaan tokko jira kan Bashaashaatti dhalatee Naqamteetti guddate,Masfin Malaakuu jedhama.Masfin Malaakuu itti aanaa pirezidaantiidha garuu waa’ee Wallaggaafi Naqamtee irratti Imaanaan kennameefii jira.Gargaaraatii waa’ee buufata xiyaaraa,waa’ee Paarkii Induustirii,waa’ee Magaalaa kana keessa jiru baay’eesaa inni nihiika.Kan isaa olii Shimallis nihiika,kan Shamallisii olii ani hiikuuf nan yaala.Garuu nugargaaraa.Gargaarsi nuti isnirraa barbaadnu,hojiin misoomaa akka hindhaabbanneef deeggaraa.Yaadaan tokkummaan dirqama miti.Yaadaan gargar ba’amus hojii hojjechuun nidanda’ama.Kanaaf nugargaartu taanaan gaaffiin keessan baay’een deebi’aa deema amantaa jedhun qaba.

Waa’ee finxaaleeyyii kaaftanii jirtu.Keenya hiikkannaan nunyaaddessu.Jalqaba kan keessoo keenyaa haahiiknu.Waa’ee amantaa,Ortodooksii wajjin waliigallee jirra.Oromoon afaan isaatiin faarfachuu barbaada,afaan isaatiin lallaba dhaggeeffachuu barbaada gaaffiin jedhu ka’eeraa.Jarris fudhataniiru.Naannoo Oromiyaa keessatti namoonni Afaan Oromoo danda’an,Oromoo ta’an akka ramadamaniif waliigallee jirra.Dhiyeenyatti nigodhu jennee eegna.Kun tartiibaan hiikamaa deema.Wanti akkasii kun fedhiin gara garaa jiraachuu danda’a,karuma nageenyaatiin gaafachaa deebisuu dandeenya waan nurakkisu miti.Qabsoo gurguddaa deebifnee jirra,kana deebisuun ulfaataa miti.Tasgabbiidhaan nagaan,mariidhaan gochuu dandeenye jennaan waan deebisuuf nurakkisu miti.

Waa’ee tokkummaa Oromoo kaaftanii jirtu.Bu’uura irraa gaafa qabsoo jalqabnu waa’ee tokkummaa Oromoo kaafnee qabsoofne,Oromoon nidu’a,hiriira nagaa niba’a,nidubbata,maalif injifachuu dadhabe?rakkoonsaa maalidha?jechuun jijjiiramaan ji’a lama dura ani as Naqamteen ture torban tokkoof,akkaataa kamiin injifannoo fiduu akka dandeenyu mari’annee waliigallee injifannoo fidnee jirra.Qabsaa’uun Oromoof haarawa miti.Qabsoo itti amaneef aarsaa ta’uun Oromoof haaraa miti,kan haaraa ta’ee nurakkisaa jiru injifannee,injifannoo sana hubachuu dadhabuudha,injifannee hinbeeknukaa.Reefu injifanne waan ta’eef waan injifanne sana qabachuu,tiksuu,gargaaruu mul’ata wajjin dhaabbachuu irratti rakkoon guddaan numudachaa ture,malee bara qabsoo Oromoon du’uuf qophaa’aa ture.Gaaffii gaafanne hunda mamii tokko malee deebiisaa ture.Erga injifannee qabsoon jaarraa tokkoo ol abbootiin keenya itti dadhaban gaafa deebii argatu waldhaggeeffachuun,waliif abboomamuun,walkabajuun hinturre waan ta’eef nurakkise.Dorgommii addaa keessa galle.Kana irraa baruumsa waan arganne natti fakkaata,akkaataa kanaan deemnee waan barbaadnu galmaan ga’uu akka hindandeenye Oromoon hanqinuma isaarraa baruumsa waan argate natti fakkaata.


Kana booda kanin isiniif ibsuu barbaadu,nuti rakkoo yaadaa hinqabnu,rakkoo tarsiimoo hinqabnu,rakkoo mul’ataa hinqabnu,fedhii keenya karoorsuuf,akkaataa karoorri hojiitti jijjiiramuu ittiin danda’u itti qophaa’uus rakkoo hinqabnu,hojii jalqabnee fixuu irrattis rakkoo hinqabnu,muuxannoo guddaa argannee ittiin guddanne.Ummata keenya irraa nuti kan barbaadnu gaaffiin keenya baay’eedha,fedhiin keenya baay’eedha,miidhaan nurra gahaa ture baay’eedha.Waan hunda guyyaa tokkootti deebisuun hindanda’amu.Utuu akkas ta’ee waggaa dhibba tokkoo ol maalif turre?Tartiibaan,tarsiimoon gahaa miti.tooftaan hinjiru taanaan.Gaaffii misoomaa,gaaffii nageenyaa,gaaffii walqixxummaa deebisaa deemna.Gootota keenya faarsuu waan hindandeenyeef dhokatee hafe.Kana seenaadhaan beekna.Qabatamaan Birhaanuu Juulaa,qabatamaan Getaachoo guddinaa,qabatamaan Zawuduu…qabatamaan agarree jirra.Gootummaadhaan isin shakkuu hindandeenyu jechuudha.Gootummaan isin shakkuu hindandeenyu.Seenaan keessan hojiin keessan inni har’aas kan agarsiisu rakkoon gootummaa akka hinjirredha.Rakkoon gootummaa hinjiru.Rakkoon hanga ammaatti numudachaa jiru abboomamuufi mul’ata tokkoof dhaabbachuu,walijaaruu,waliyyaafachuu,walgargaaruu dadhabuudha.Kun ammoo adeemsa keessatti hiikamaa deema amantaa jedhun qaba.

Har’aaf hundaa ol Wallagga dhufuu kootiin,isin agruu danda’uukoon baay’ee gammadeen jira.Akkan deddeebi’ee dhufuuf,akkan dedeebi’ee isin aguu danda’uuf daandiin hojjetamuu danda’a,buufanni xiyaaraas hojjetamuu danda’a.Garuu lapheen walirraa fagaannaan gatii hinqabu.Lapheen keenya walitti dhiyaachuu qaba,Lapheefi sammuun garaagaradha.Gaafa sammuun didee yaada addaa barbaadu,isa hinmari’anna rakkoon hinjiru.Kadhannaa keessan hindhiisinaa!kan nama gargaaru waaqa waan ta’eef.Waaqayyoo ammoo nama amane qofaaf utuu hintaane nama dhugaaf dhaabbateef waan dhaabbatuuf hanga ammaa yaalii baay’een taasifameera,humna keenyaani,jechuu hindandeenyu gargaarsa isaatiin moonee jirra.Ammas bitaafi mirgaan fedhiin gara garaa jiraachuu danda’a.Wantin isiniif ibsuu barbaadu humnaan,arrabsoodhaan namni numoo’uu danda’u hinjiru.Kanaaf ummanni keenya gar-malee hindhiphatinaa,sirritti ijaaramnee jirra.Waan goonu beekna.Wanti nuyaaddessu hinjiru.Waan yaadnuufi mul’ata keenya akka galmaan hingeneyeef humni nuyaaddessu hinjiru.Baay’ee hiyaadda’inaa,garuu ammoo kadhannaa hindhiisinaa!"

Kabajamtoota dubbiftootakoo waan hooggansi ol'aanaan dubbateef xiyyeeffannaatu kennama.Kanaafan anis itti dhimmee gara barreeffamaatti jijjiiruun isin hordoftoota kootiif dhiyeesse.Waan dubbiftaniif galatoomaa!Gara fuulduraatti haala mijaawaa yoon argadhutti haasawawwan muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad waltajjiiwwan gara garaa irratti taasisan haala kanaan isiniif dhiyeessuuf nan yaala.Fayyaa ta’aa!

 

 

 

  

 

 

                                   

Post a Comment

0 Comments