Maarsheet Finfinnee Jira,Baga Dhufe!





(YMN,Finfinnee Hagayya 26,2018) Maarsheet Tsahaayee Finfinnee akka jiru dhageenye.Kaleessa gara Finfinnee dhufe.Gandi Faandoo wacarra jira.Deeggartoota faandoo(Faannoo) dabalatee kanneen biroo kaleessaa fi har'a akka malee wacaa jiru.Waci kun sababa qaba.'Waa malee manni hin'aaru' jedhamaam

Gurbaan kun nama dhiyoo Zammana kaaseeti.Waan baay'ee beeka.Iccitii baay'ee gadi baasuuf jira.Saniin dura jedhanii wacaa jiru.Maqaa itti baasanii gadi qicuun,basaasaa mootummaa ture jechuun,lakki hinqabamne harka mootummaa hinseenne jechuun olola afarsuun sababa qubsaa qaba jennee tilmaamne.Ammoo dhugaadha.Wanti dhoksuu barbaadan hedduudha.

Hanga ammaatti qaama mootummaa Itoophiyaatiin  mirkansi kenname ifoomsuu baatus Maarsheet Tsahaayee Finfinnee jira.Baga nagayaan gara Magaalaa Finfinnee dhufe.Odeeffannoowwan ba'an wal'aanamaa akka jiru mul'isan.Haawal'aanamu.Haakunuunfamu! saniin booda iccitii warraa Faannoofi Tsimdoo kan gadi yaasu ta'a.Kun Mootummaa Ida'amuutiif injifannoo guddaadha.Dhugaan qabatamaan kanadha.


Post a Comment

0 Comments