Wanti kamiyyuu akka nuuf ta'uuf feenu nita'a!

 



Finfinnee #Ethiopia Eebila 19,2015(YMN) Adeemsa jireenyaa keessatti wanti kamiyyuu akka namaatti akka nuuf ta'uuf feenu tarii nitura malee guyyaa tokko galma ga'uunsaa waan hinoolledha.Dhugaa kana haalawwan qabatamaan mudatan yaadachuudhaan mirkaneeffachuun nidandaa'ama.

Waan darbe duubatti deebi'uudhaan yoo yaadanne wanti amma mul'achaa jiru nita'a jedhamee yaadamuu kan danda'amu miti.Garuu akkuma wanti hunduu nidarba jedhamu,bu'ii ba'iin sun hundumtuu darbuudhaan haala kana ijaan arguu dandeenye.

Itiyoophiyaan Nagaa barbaadde,Ummattoonnishii Nagaa dheebootan dheebuu ba'uu barbaadan.Kunoo fedhiin Itiyoophiyaafi ummattootashii guutaa jira.

Gareen pirezidaantoota mootummoota Naannoleefi  kantiiboonni bulchiinsa magaalaa har'a barraaqaan ka'uudhaan gara Naannoo Tigraayitti qajeeluun Magaalaa Maqalee galan.

Taateen kun haala kanaan yoo mul'atu wanti namatti dhaga'amu baay'eedha,lakkaa'amee kan dhumu miti.Hundumaafuu baga nagaan bu'e.Hundumtuu kan nagaa dheebotee ture dheebuusaa haaba'u!Nagaan amma bu'aa jiru kun akka nujalaa hindhabamneef hojjechuun kunuunfachuun barbaachisaadha.

Mariin Zaanziibaaritti jalqabames wanti fidee dhufu kan hunda gammachiisu ta'a jedhamee eegamaa jira.Uumaan keenya ummata nagaa dhabee dararamaa ture waan mil'atuuf nagaan barbaadame Oromiyaattis nibu'a.Nagaan amma bu'aa jiru kan hundi irraa fayyadamudha haakunuunfannu!

Post a Comment

0 Comments