Ga’eessa Waggaa Jahaatamaa,baga geesse!




Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 17/2015(YMN) Waggoota jahaatamaan dura akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1963 keessa yoo hundeeffamu moggaafni maqaasaa Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa(OAU) ture.Waggootaan booda moggaasa maqaasaa jijjiirrate.Moggaafni maqaa haarawaanis Gamtaa Afrikaa(AU) akka ta’uuf biyyaaleen miseensi hundi irratti waliigalan.
Amma ga’eessa waggaa jahaatamaa(60) ta’eera.Dhaabbanni tokkummaa Afrikaa(OAU) kanaan duraafi Gamtaan Afrikaa(AU) ammaa biyyaaleen Afrikaa dhimma keessoo isaaniitti isaan rakkise waltajjii itti dhiyeeffatanii fala ittiin argatanidha.Akkaataa kanaan biyyaaleen Afrikaa hedduun miseensa gamtichaa ta’an waggoota darban keessa rakkoo tasgabbiis ta’e rakkoo siyaasaafi hawaas-diinagdee dhaabbata ofumaaf hundeeffatan kana irratti dhiyeeffachuudhaan ilaafi ilaameedhaan mari’atanii fala ittiin argataa turaniiru.
Biyyaaleen ardii Afrikaa miseensa gamtichaa ta’an waggootaan dura as Finfinneetti mari’achuudhaan karoora misoomaafi guddinaa qabataniinis galmoota misoomaa hanga bara 2063’tti milkaa’us qabachuudhaan hojjechaa jiru.Akkaatuma haala qabatamaa biyyaaleetiin galmi misoomaafi guddnaa hanga bara 2063’tti qabame raawwiinsaa booda kan qoratamu ta’a.
Sirni kabaja guyyaa Afrikaafi hundeeffama gamtichaa waggaa 60ffaa har’a Magaalaa Finfinnee dabalatee biyyaalee miseensa gamtichaatti gara garaatti akka kabajame himameera.Sirna kabajaa galma Gamtaa Afrikaa Finfinnee jirutti raawwatame irratti muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad dabalatee hooggantoonni gara garaa haasawa dhageessisaniiru.
Hundeeffamni waggaa 60ffaa gamtichaa har’a jalqabame kun qophiiwwan gara garaatiin waggaa tokkuuf kan turu akka ta’e beekameera.Ga’eessi waggaa jahaatamaa dhalootawaa waggaa 60ffaa waggaa tokkoof kabajachaa tura jechuudha.Baga geesse! Umuriinkee haadheeratu jennaan.Fayyaa ta’aa!


Odeeffannoo dabalataa iddoo jirtanitti kanneen irraayis hordofaa:
Facebook page: https://www.facebook.com/Yaadimedianetwork
Facebook page: https://www.facebook.com/Itiyoophiyaakoo

Post a Comment

0 Comments