Hidhattoonni Tigraay marsaa jalqabaan haaromsa akka galan taasifame




Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 18/2015(YMN) Sagantaan haaromsaafi deebisanii dhaabuu hidhattoota ABUT marsaa jalqabaa eegaleera
Sagantaan haaromsaafi deebisanii dhaabuu hidhattoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT) marsaa jalqabaa guyyaa har’aa Magaalaa Maqaleetti akka eegalamedha kan himame.
Saganticharratti Bakka Bu’aan Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Janaraal Darribee Makuriyaa,akkaataa waliigaltee nagaa Piriitooriyaatiin Ityoophiyaatti nageenyi fooyya’aan bu’eera.
Hidhattoonni haala uumametti kanatti fayyadamuun jireenya isaanii jijjiiruufi misooma naannichaafi biyyaarratti hirmaachuun nageenya uumame waaressuuf hojjechuu qabdu jechun dhaamaniiru.
Mootummaan deeggartoota misoomaa waliin ta’uun gara jireenya idilee keessaniitti hanga deebitanitti deeggarsa barbaachisaa ni taasisa kan jedhan Birgaadeer Janaraal Darribeen,kanneen haaromsatti galan hanga dandamatanitti deeggarsi barbaachisaan kan taasifamuuf ta’uu dubbataniiru.
Bakka Bu’aan Hidhattoota ABUT Birgaadeer Janaraal Migibay Hayaalee gamasaaniin, sagantaa haaromsaa kana xumuruun gara hawaasaatti wayita deebitan humna misoomaafi nageenyaa ta’uu qabdu jedhaniiru.Gabaasi kan dhaabbata pireesii Itiyoophiyaati.
Akka kanaan dura himamaa turetti waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa tureen Dargaggoota Tigraay dabalatee jiraattoonni naannichaa sababa waraanaatiin dhuman lakkoofsisaanii miliyoona tokko kan caaludha.
Waan kana Gamtaa Afrikaa bakka bu'uudhaan marii nagaa hoogganaa kan turan pirezidaantiin Naayijeeriyaa duraaniifi ergamaan addaa naannawa gaanfa Afrikaa Oluseeguun Obbosaanjoo odeeffannoo miidiyaawwan idil addunyaatiif kanaan dura kennaniin mirkameessaniiru.
Qondaaltoonni ABUT's miidhaan sababa waraanaatiin ga'e ol'aanaa akka ta'eefi labbuun namoota kumaatamaan lakkaa'amanii akka darbe irra deeddi'uudhaan himaa turaniiru.Gudii isaanii kana maal jedhanii dhugaasaa dubbachuu danda'uu?onnee haqa ittiin himan eessaa fidu?
Getaachoo Raddaafa'i duuchumatti kumaatamootatu dhume jechuun himaaa ture.Miidhama kana hunda quufa isaanii lapheesaanii cufetu fide!Eenyuyyuu komachuuf sababa hinqaban.Miidhaa ga'e irraa barachuudhaan fuulduratti waan ta'uu hinqabne raawwachuu irraa of qusachuu qabu.Waan fuulduratti ta'u hundumaa bullee ilaalla.


Post a Comment

0 Comments