'Himannaa sobaatiinin shororkeessaa jedhame'Lidatuu Ayyaaleew

 



Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 02/2015(YMN) Sobaanin himatame.Himannaa sobaatiinin shororkeessaa jedhame jechuun dubbateera,obbo Lidatuu Ayyaaleew.

Lidatuu Ayyaaleew akkuma bare shira kanaanis beekkamtiifi jajamuu barbaadeera.Yoon himatame hatattamaanin Ameerikaa irraa gara Itiyoophiyaatti deebi'a jedheera.Lidatuun namoota Shoroorkeessittummaan shakkamuudhaan mootummaadhaan barbaadamaa jiran keessaa tokko akka ta'e nibeekama.

Namtichi kun ejjennoo cimaa akka hinqabneefi haala faayidaasaa wajjin kan socho'u akka ta'e namoota baay'eetu irratti waliigala.

Haala filannoo bara 1997 booda inni mul'isaa tureen ammoo kanneen isa deeggaraa turan dabalatee namoonni hedduun namchi kun gantuudha jedhuun.

Dhiyeenya kana mootummaan Itiyoophiyaa namoota gocha shoroorkeessitummaatiin shakkee himachuudhaan barbaadaanii jiru keessaa tokko waan ta'eef biyya alaa irraa dhaabbata poolisii idila addunyaa Intarpooliin qabamuukootiin dura ofumaafan gara biyyaatti deebi'a jechuun akka dubbate bal'inaan odeeffamaa jira. Waan Lidatuu Ayyaaleew tibbana hime jedhame bal'inaan BBC irraa dubbisaamee:https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/ce7ggpw76rro

Post a Comment

0 Comments