Finfinnee
#Ethiopia Caamsaa 16/2015(YMN) Omishitummaa qonnaa dachaa baay'eedhaan dabaluun
fedhii utuu hintaane dirqama ta'eera.Omisha qonnaa baay'inaafi qulqullinaan
omishuun yeroonsaa ammadha. Omishi qonnaa lakkoofsa ummataa amma jiru wajjin
walsimu akka jiraatuuf itti gaafatamni kan qonnaan bultootaa qofa miti.
Mootummaan
Biiroo qonnaafi waajjiraaleen qonnaa sadarkaadhaan jiranis itti gaafatamaafi
dirqama guddaa qabu.Omishitummaan qonnaan bultootaa akka dachaadhaan dabaluuf
sanyii filatamaa xaa'oofi galteewwan qonnaa kanneen biroo dhiyeessuutu irraa
eegama.
Hawaasni
qonnaan bulaan ammoo deeggarsaafi hordoffii taasifamuufitti fayyadamuudhaan
ofiif fayyadamee biyyas fayyaduuf carraaqqii addaan hincinne taasisuu qaba.Amma
akka durii san akka hintaane beekamaadha.Qonni ganna qofa ta’uun
hafeera.Keessumattuu iddoowwan qonna jallisiistiif mijaawaa ta’anitti bonaafi
ganna qotuun omishuun baramaa dhufeera.Kun hawaasa qonnaan bulaadhaaf
jijjiirama guddaadha.Haala adeemsa hojii qonnaa amma jiruun qonnaan bultoonnis
muuxannoo walirraa fudhachaa jiru.Akka kanaan duraa qofaa fiiguunis hafaa
jira.Qonnaan bultoonni gareedhaan ijaaramuudhaan qonna kilaastaaraa babal’isaa
jiru.
Haala kanaan
hojjechuun gamtaa cimsuun omishitummaa dabaluuf faayidaa hedduu kan
qabudha.Omisha midhaanii dabaluu qofaaf utuu hintaane gama hundumaanuu wal utubuuf
shoora guddaa kan gumaachudha.Omishaafi omishitummaan qonnaan bultootaa dabalaa
yoo deeme,qonnaan bulaan hundumtuu rakkoo diinagdee keessaa ba’a.Qonnaan bulaan
midhaan oomishe ofirra darbee hawaasa Magaalaa keessa jiraatuufis sirritti
dhiyeessuu danda’a.Kana malees gabaa alaatti dhiyeessuudhaanis
faayyadamtummaasaa daran dabalaa deema.
Adeemsa kanaan
diinagdeen Itiyoophiyaa guddachaa deemuudhaan badhaadhinni hawwinu qabatamaan
mirkanaa’aa deema.Hunduu nyaatee buluu danda’a.Rakkoon hojii dhabdummaa amma
baay’oota darares fala waaraa argachaa deema.
Bu’uurri cimaan
diinagdee biyya keenyaa qonnadha.Qonna hammayyeessuudhaan teeknooloojiiwwan
qonnaatti fayyadamuudhaan qotuun dirqamadha.Kun ta’uu baannaan omisha baay’ee
argachuun rakkisaa ta’a.Omisha qonnaa baay’inaafi qulqullinaan argachuuf
teeknooliijiiwwan qonnaa dhiyaatanitti madaquudhaan hojjechuun dirqama qonnaan
bulaa hundaa ta’uu qaba.Qonnaan bultoonni kilaastaraan gurmaa’anii qotuun
kanaaf haala mijaawaa kan uumudha.
Gurmaa’inni kun
sanyiiwwan filatamaas ta’e xaa’oo akkasumas galteewwan omisha qonnaa kanneen
biroo bu’aa ba’ii malee argachuudhaaf haala mijaawaa kan uumudha.Gurmaa’nni
kilaastaraa kun qonnaan bultoonni akka kanaan duraa Qotiyyoodhaan utuu hintaane
Tiraaktaraan akka qotataniifis haala mijaawaa uumeera.Iddoowwan baay’eetti
qabatamaan mul’achaa kan jirus kanadha.
Muuxannoon kun
naannolee gara garaa keessatti akka babal’atuuf tumsi taasifamaa jirus baay’ee
gaariidha.Fakkeenyaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan bultoonni naannolee
biroos Tiraaktaraan qotachuu akka danda’aniif deeggarsi taasise kan eeramuu
danda’udha.Muuxannoo Oromiyaatti argame kana dhawaataan gara naannolee
hundaatti babal’isuudhaan omishitummaan qonnaa dachaa baay’eedhaan akka dabalaa
deemu taasisuun barbaachisaadha.Kun ta’uu kan qabu lammiiwwan Itiyoophiyaa
baadiyaafi magaalota keessa jiraatan jireenya hiyyummaa keessaa baasuu kan
danda’u diinagdee qonnaan guddatu akka ta’e waan amanamuuf akka ta’e hubachuun
barbaachisaadha.Fayyaa ta’aa!
0 Comments