Wallagga Bahaatti Maaltu Ta’e?

 

Raajii Guddataa


(YMN,Finfinnee Hagayya 16,2018) Haalli nagaa aanaalee wallagga bahaa Giddaa Ayyaanaafi Naannawasaa rakkoo keessa kan ture ta’uu dhageenye.Dhimmicha irratti karaa mootummaa Naannoo Oromiyaatiinis ta’e miidiyaawwan idileetiin hanga yoonaatti wanti himame jiraachuu baatus odeeffannoon miidiyaawwan hawaasummaa beekamoo ta’aniin tamsa’aa jiru suukaneessaadha.Barreeffama kanaan Rogeessa Raajii Guddataa jedhamun qeequu barbaade.

Tarkaanfii finxaaleeyyiin kamiyyuu dhokatanii ummata irraan ga’aniif mootummaan deeggarsa taasisa jechuun yaaduuniifi kanas amansiisuuf ololuun dogongora guddaadha.Namoonni nuti balballoomsitoota ykn. xiinxaltoota siyaasaati jechuun dubbatan  tokko tokko dhimmicha gara siyaasa ofiif barbaadaniifi deeggarranitti maxxansuudhaan wanti dubbatan sirrii miti!

Gareewwan luuxanii caasaa mootummaa keessa seenan rakkoon nageenyaa aanaalee wallagga bahaa Angar-Guttin,Kiramuu,Giddaa Ayyaanaafi naannawasaatti mudate jedhame galma siyaasa deeggaranii bira ga’uun akka danda’amuuf dhoksaadhaan deeggaruun isaanii waan hinoolledha.

Kana jechuun mootummaan Ida’amuu kallattumaan ummata wallagga bahaarra miidhaan akka ga’uuf hojjeta jechuu miti.Rakkoon nageenyaa godinaalee wallaggaa keessa kanaan dura waggoota hedduuf ture akka dhaabbatuuf kutannoodhaan socho’ee ummata wallaggaa rakkoolee suukaneessaa  ta’an keessaa kan baase Mootummaa Ida’amuuti.Utuu mootummaan kutannoo qabaatee humna qabu qindeessuudhaan ummata wajjin socho’uu baatee nagaan barbaadamu hindeebi’u ture.

Tibbana rakkoon kun maalif? Akkamitti? mudate waan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.Itiyoophiyaan marii biyyaalessaa irra jirti.Diinni keessaafi alaa moggaasa ‘Tsimdoo’ jedhuun of qindeesse mootummaa ‘Badhaadhinaan taayitaarraa fonqilcha’ jechuun karaa kaabaatiin tuttuqaa waraanaa taasisaa akka jiru beekamaadha.Finxaaleeyyiin Oromoofi Amaaraa haala mijaawaa uumameef kanatti fayyadamuuf wanta yaalantu jira jechuudha.

Gareewwan finxaaleeyyiin Amaaraafi Oromoo Faannoofi Shanee jedhamuun beekaman qaama qindoomina diinaa ‘Tsimdoo’ keessa akka jiran hubachuun barbaachisadha.Gareewwan kun ummata bakka bu’aniif waan qabsaa’aa jiran fakkeessuudhaan kaayyoon qindoomina diinaa ‘Tsimdoo’ akka galma ga’uuf socho’aa jiru.

Rogeessi Raajii Guddataa jedhamu ‘mootummaan sabboonummaan Oromoo akka cabuuf hojjetaa jira’ jedhe.Haala kanaan mootummaa Ida’amuu ibsuun dogongoradha,Olola beekaa mootummaa irratti jibbiinsa uumuuf ololmaa jirudha.kun meddaallii kamiiniyyuu fudhatama kan qabu miti.Hojiin siyaasaafi hawaas-diinagdee mootummaan kun itti fufiinsaan hojjechaa jiru kana kan mul’isu akka hintaane ummata bal’aatu beeka.

Raajiin haala suukaneessaa ta’e kanaan mootummaa Badhaadhinaa irratti quba qabaa kan jiru biyya alaa taa’eeti.Kanaan dura caasaa mootummaa A.D.W.U.I. keessatti poolisii ta’uudhaan tajaajilaa ture.Sababa ilaalcha dabaa qabuun gara biyya alaatti baqatee achuma jiraachuuf akka dirqame kanaan dura seenaasaa yoo himu beekameera.

Haala ammaan tana Raajiin dhokatee ololaa jiru kanaan kaayyoo diigumsaa shanee galmaan ga’uun hindanda’amu.Shanee Oromoos ta’e Shanee Amaaraa moo’achuu kan danda’u qindoomina ummataafi mootummaa Itiyoophiyaati.Shaneewwan lameenuu kanaan dura barbadeeffamanii harcaatoonni hafan akka adabatan kan taasifame  duula ummaniifi mootummaan Ida’amuu taasisaniin akka ta’e hubatamuu qaba.

Imaammata Oromoofi Oromiyaa balleessuu akkasumas Itiyoophiyaa diiguu ergamtoonni diina alaa hojiirra oolchuuf wixiffatan fashaleessaa kan jiru qindoomina ummattoota Itiyoophiyaafi Mootummaa Ida’amuuti.Kun waan qabatamaan mul’achaa jirudha.Finxaaleeyyiin ergamtoota diinaa ta’an   marii biyyaalessaa gufachiisuuf yaalanii turan,hinmilkoofneef.Akkasumas mootummaa gamaa-gamanaan dhiphisuu barbaaduun yeroof wixiffatanis eessayyuu ga’uu hindeenye adabbii ergitoota isaaniirratti mootummaan Ida’amuu fudhachaa jirutu ragaa qabatamaadha.

Akkuma kanaan duraa Riphanii socho’uudhaan jiraattoonni akka miidhamaniif lubbuu balleessuun qabeenya ummataas saamanii baqachuu danda’u.Waanuma baraniifi gochuu danda’an raawwatan.Kanaan ammoo goota jedhamanii ummataan jajamuu hindanda’an.Ummanni kanaan dura nagaa dheebotee dararamaa ture mootummmaa wajjin qindaa’uudhaan daaraa isaan taasisuu akka danda’u hubatamuu qaba.

Post a Comment

0 Comments