(YMN,Finfinnee
Hagayya 16,2018) Haalli nagaa aanaalee wallagga bahaa Giddaa Ayyaanaafi
Naannawasaa rakkoo keessa kan ture ta’uu dhageenye.Dhimmicha irratti karaa
mootummaa Naannoo Oromiyaatiinis ta’e miidiyaawwan idileetiin hanga yoonaatti wanti
himame jiraachuu baatus odeeffannoon miidiyaawwan hawaasummaa beekamoo ta’aniin
tamsa’aa jiru suukaneessaadha.Barreeffama kanaan Rogeessa Raajii Guddataa
jedhamun qeequu barbaade.
Tarkaanfii
finxaaleeyyiin kamiyyuu dhokatanii ummata irraan ga’aniif mootummaan deeggarsa
taasisa jechuun yaaduuniifi kanas amansiisuuf ololuun dogongora
guddaadha.Namoonni nuti balballoomsitoota ykn. xiinxaltoota siyaasaati jechuun
dubbatan tokko tokko dhimmicha gara
siyaasa ofiif barbaadaniifi deeggarranitti maxxansuudhaan wanti dubbatan sirrii
miti!
Gareewwan
luuxanii caasaa mootummaa keessa seenan rakkoon nageenyaa aanaalee wallagga
bahaa Angar-Guttin,Kiramuu,Giddaa Ayyaanaafi naannawasaatti mudate jedhame galma
siyaasa deeggaranii bira ga’uun akka danda’amuuf dhoksaadhaan deeggaruun
isaanii waan hinoolledha.
Kana
jechuun mootummaan Ida’amuu kallattumaan ummata wallagga bahaarra miidhaan akka
ga’uuf hojjeta jechuu miti.Rakkoon nageenyaa godinaalee wallaggaa keessa kanaan
dura waggoota hedduuf ture akka dhaabbatuuf kutannoodhaan socho’ee ummata
wallaggaa rakkoolee suukaneessaa ta’an
keessaa kan baase Mootummaa Ida’amuuti.Utuu mootummaan kutannoo qabaatee humna qabu
qindeessuudhaan ummata wajjin socho’uu baatee nagaan barbaadamu hindeebi’u
ture.
Tibbana
rakkoon kun maalif? Akkamitti? mudate waan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.Itiyoophiyaan
marii biyyaalessaa irra jirti.Diinni keessaafi alaa moggaasa ‘Tsimdoo’ jedhuun
of qindeesse mootummaa ‘Badhaadhinaan taayitaarraa fonqilcha’ jechuun karaa
kaabaatiin tuttuqaa waraanaa taasisaa akka jiru beekamaadha.Finxaaleeyyiin
Oromoofi Amaaraa haala mijaawaa uumameef kanatti fayyadamuuf wanta yaalantu
jira jechuudha.
Gareewwan
finxaaleeyyiin Amaaraafi Oromoo Faannoofi Shanee jedhamuun beekaman qaama
qindoomina diinaa ‘Tsimdoo’ keessa akka jiran hubachuun barbaachisadha.Gareewwan
kun ummata bakka bu’aniif waan qabsaa’aa jiran fakkeessuudhaan kaayyoon
qindoomina diinaa ‘Tsimdoo’ akka galma ga’uuf socho’aa jiru.
Rogeessi
Raajii Guddataa jedhamu ‘mootummaan sabboonummaan Oromoo akka cabuuf hojjetaa
jira’ jedhe.Haala kanaan mootummaa Ida’amuu ibsuun dogongoradha,Olola beekaa
mootummaa irratti jibbiinsa uumuuf ololmaa jirudha.kun meddaallii kamiiniyyuu
fudhatama kan qabu miti.Hojiin siyaasaafi hawaas-diinagdee mootummaan kun itti
fufiinsaan hojjechaa jiru kana kan mul’isu akka hintaane ummata bal’aatu beeka.
Raajiin
haala suukaneessaa ta’e kanaan mootummaa Badhaadhinaa irratti quba qabaa kan
jiru biyya alaa taa’eeti.Kanaan dura caasaa mootummaa A.D.W.U.I. keessatti poolisii
ta’uudhaan tajaajilaa ture.Sababa ilaalcha dabaa qabuun gara biyya alaatti
baqatee achuma jiraachuuf akka dirqame kanaan dura seenaasaa yoo himu
beekameera.
Haala
ammaan tana Raajiin dhokatee ololaa jiru kanaan kaayyoo diigumsaa shanee
galmaan ga’uun hindanda’amu.Shanee Oromoos ta’e Shanee Amaaraa moo’achuu kan
danda’u qindoomina ummataafi mootummaa Itiyoophiyaati.Shaneewwan lameenuu kanaan
dura barbadeeffamanii harcaatoonni hafan akka adabatan kan taasifame duula ummaniifi mootummaan Ida’amuu
taasisaniin akka ta’e hubatamuu qaba.
Imaammata Oromoofi Oromiyaa balleessuu akkasumas Itiyoophiyaa diiguu ergamtoonni diina alaa hojiirra oolchuuf
wixiffatan fashaleessaa kan jiru qindoomina ummattoota Itiyoophiyaafi Mootummaa
Ida’amuuti.Kun waan qabatamaan mul’achaa jirudha.Finxaaleeyyiin ergamtoota
diinaa ta’an marii biyyaalessaa
gufachiisuuf yaalanii turan,hinmilkoofneef.Akkasumas mootummaa gamaa-gamanaan
dhiphisuu barbaaduun yeroof wixiffatanis eessayyuu ga’uu hindeenye adabbii
ergitoota isaaniirratti mootummaan Ida’amuu fudhachaa jirutu ragaa qabatamaadha.
Akkuma
kanaan duraa Riphanii socho’uudhaan jiraattoonni akka miidhamaniif lubbuu
balleessuun qabeenya ummataas saamanii baqachuu danda’u.Waanuma baraniifi
gochuu danda’an raawwatan.Kanaan ammoo goota jedhamanii ummataan jajamuu
hindanda’an.Ummanni kanaan dura nagaa dheebotee dararamaa ture mootummmaa
wajjin qindaa’uudhaan daaraa isaan taasisuu akka danda’u hubatamuu qaba.

0 Comments