Ijaarsa mana seeraa mormuun Aad-malee!





Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 09/2015(YMN) Diizaayiniin gubbaatti daawwattan Kun Gamoo osoo hin taane Masaraadha. Gamoo fi Masaraa gargar baasuun barbaachisadha. Gamoo hattuu fi dureessuu ni ijaara.
Masaraa garuu mootummaa qofatu ijaarrata.
Warri Masaraan Kun maaf ijaarama jedhanii morman, warra mootummaa mormuu malee mul'ata biyya gaggeessuu hin qabneedha.
Tokko tokko waa'ee gamoo odeessa. Kun gamoo osoo hin taane masaraadha. Teessoo bulchiinsaa ummataatti. Mirga ummanni Oromoo Finfinneeraa qabu kan mirkaneessudha.
Bakka sirni itti ijaaramuudha. Qaama seenaa fi duudhaa ummata Oromooti.
Gamoo hattuu fi dureessuu ni ijaara. Masaraa garuu mootummaa qofaatu ijaarrata.
Pireezdaantiin Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, sirna jalaqabbii ijaarsa masaraa irratti haasawa dhageessisaniin mootummaan naannoo Oromiyaa egeree Oromoo qajeelchuuf humnaa fi dandeettii qabu hundaan hojjechaa jira jedhaniiru.
Masaraan Mootummaa Naannoo Oromiyaa akkaataa duudhaa, Aadaa fi seenaa Oromoo naannawaa Finfinnee turee fi Guutuu Oromiyaa ibsuun kan ijaaramu akka ta'es obbo Awwaluun mirkaneessaniiru.
Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniitiin Uummanni Oromoo hiree boruusaa kan murteessu hojii har`a hojjetuun jedhaniiru.
Masraan Mootummaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinnee naannawa Baambisitti waajjira pirezidaantii amma jiru duubatti ijaaramu kun seenaa qabeessadha.Waan seenaa qabeessa kana kan balaaleeffatu Oromoodhaaf yaada jechuun rakkisaadha.Humni keessaas ta'e alaa ijaarsa masaraa kana mormuudhaan dura dhaabbachuu barbaadu dura irratti irra deddeebi'uudhaan yaaduu qaba.Al lama sadi utuu hinyaadin ijaarsa masaraa kanaa mormuun gatii guddaa nama baasisa.
Akkuma masaraa mootummaa Federaalaa ijaaramaa jiru irratti mormiin ka'e masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ijaarisaa har'a Magaalaa Finfinneetti jalqabame kana irrattis mormiin ka'uun waanuma eegamudha.Humnoonni ijaarsa kana morman akkuma baran mormu malee ijaarsa kana dhaabsisuu hin danda'an.Waan fedhii ummata bal'aa guutuu danda'u humnaafi wacaan dhaabsisuun gonkumaa waan danda'amu miti.Haqa kana qalbeeffachuudhaan adabachuun gaarii ta'a!

Post a Comment

0 Comments