Kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa maatiin utuu irratt walii hingaliin hojiirra oolchuun akka hindanda’amne himame



Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 3/2015 (YMN) Daballiin kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa taasisan, maatii waliin waliigalteerra utuu hinga’iin hojiirra oolchuun akka hindanda’amne Abbaa Taayitaa To’annoo Qulqullinaa Leenjii fi Barnootaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Abbaan taayitichaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa har'a baaseen, bara 2016 daballii kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa ilaalchisee abbootii qabeenyaa manneen barnootaa waliin marii taasisuu kaaseera.
Haaluma kanaan daballiin kaffaltii manneen barnootaa marii maatii fi bu’uura waliigalteen akka ta’uu waliigaltee waloorraa ga’amuu beeksiseera.
Ta'ullee magaalaa Finfinneetti dhaabbileen tokko tokko daballii gatii taasisan ilaalchisee maatii waliin waliigaltee gahaarra kan hinga’amne waan ta’eef, wayita marichaatti daawwannaa taasiseen mirkaneessuun eerameera.
Kanaafis, manneen barnootaa daballii kaffaltii bara 2016, maatii waliin waliigaltee gahaarra utuu hinga’in hojiirra oolchuu akka hindandeenye hubachiiseera.
Akkasumas, manneen barnootaa bakka bu’oota maatii barattootaa fi waajjira abbaa taayitichaa waliin mari’achuun bu’uura kallattii fuulduree kaa’amuun hojiitti seenuuf waliigaluu akka danda’an beeksiseera.

Post a Comment

0 Comments