Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee gaggeessuu eegale

 


Finfinnee #Ethopia Caamsaa 22/2015 (YMN) Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa Walga’ii idilee gaggeessuu eegaleera.
Koree hojii raawwachiisaan paartichaa, dhiyeenya haala gaddisiisaan lubbuun isaanii kan darbe Miseensaa koree Hoji Raawwachiistuu Paartichaa Obbo Girmaa Yashiixilaaf yaaddannoo taasisuun maricha eegaleera.
Marichaanis dhimmoota biyyaalessaafi paartiirratti bal'inaan mari’achuun murteewwaniifi kallattiiwwan fuulduraa ni akeeka jedhamee eegama.
Sanadoota dhiyaatan gamaaggamuunis haalaa ummata hirmaachiseen utubaawwan imala badhaadhinaa milkeessan irratti ni mari’atas jedhameera.


Post a Comment

0 Comments