Finfinnee
#Ethiopia Caamsaa 02/2015 (YMN) Mootummaan dandamannaa diinagdee Uummata
gammoojjii guddisuuf xiyyeffannoo ol’aanaan humna, beekumsaa fi qabeenya qabu
qindeessuun hojjechaa akka jiru Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo
Shimallis Abdiisaan himan.
Hojiin
Miidhaa hoongee irra deddeebiin muudatuu danda'u hambisuuf Pirojektoota Bishaan
kuusuuf oolaniin jalqabne fayyadamummaa Uummataa mirkaneessurra darbeee hojii
kana boodaaf galtee guddaa kan irraa argannedha jedhan pirezidaant Shimallis fuula
miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti ergaa dabarasaniin.
Bara kana godinaalee kudhan keessatti hanqinni roobaa nu mudatee ture.
Godinoota gammojjii hanqina roobaatiin saaxilamummaan hongee ol’aanaa ta'eetti Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa yeroo qindeessuun cinaatti, ittifufiinsaan rakkinicha furuuf, dandamannaa diinagdee Uummata gammoojjii guddisuuf xiyyeffannoo ol’aanaan humna, beekumsaa fi qabeenya qabnu qindeessuun hojjechaa ture jecuuun ibsaniiru.
Piroojaktoonni
Jallisii Bishaan kuusuuf godina Booraanaatti hojjetamaa jiran, Deeggarsa
galteewwan gara garaa Mootummaan taasisaa ture waliin dabaalamuun hojiin
hojjetame diinagdee hawaasa horsiisee bulaa jabeessuun fayyadamuumma hawaasa
dabaluufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora guddaa kan qaban ta'uu
eeraniiru.
Hojii
waqtii Arfaasaa kanaan naannawa gammojjii rakkoon kun muudatetti hojjetameen
mirkaneeffanneerra.kanarraa ka'uunis hojii Piroojaktii Bishaan kuusuu godina
Booranaatti hojjechaa jirru haaluma wal fakkaataan godinaalee biroottis akka
babal'atuuf mootummaan karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa qabatee hojjechaa akka
jiru ibsaniiru.
Hojiin
Hawaasa rakkoo hongeen miidhaman dandamachiisuuf hojjetamaa jiru humna kuufamaa
qabnu kan nutti agarsiiseefi gara fuulduraattis hojii wal fakkaata jabeessinee
itti fufu akka qabnu kan akeekedha.
Piroojaktiin
Bishaan kuusuu(cimmisuu) jalqabne rakkoo bishaan dhugaatii hawaasa itti
fufiinsaan kan furu yoo ta'uu, gama biraatin hawaasni hojii jallisii hojjechuun
diinagdee isaa akka fooyyeffatuufi fayyadamummaa hawaasaa daran kan dabalu waan
ta'eef humna qabnu maraan cimsinee kan itti fufnu ta'a!jedhaniiru
0 Comments