Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 10/2015(YMN) Yaadi moo’ataan jiraannaan fudhatamni hawaasa biratti argamu hindhabamu.Humni yaada moo’ataa of harkaa qabu ummata bal’aatti dhiyaachuudhaan yaadasaa himachuuf,hubachiisuuf fudhatama akka argatu taasisuuf onnatee hojjeta.Kan yaada moo’ataa of harkaa hinqabne ammoo sababoota gara garaa funaanuudhaan mootummaa qeequufi arrabsuun yeroosaa bilaashatti balleessa.
Yaada moo'ataa
utuu hinqabaatin gara taayitaatti dhufuun gonkumaa akka hindanda'amne hubatamuu
qaba!Kan yaada moo'ataa dhabuudhaan rakkate akkuma argaafi dhag’aa jirru mootummaan
ce'uumsaa yaahundeeffamu jechuun kadhata.Kun adeemsa sirrii miti.
Humnoonni finxaaleeyyiin Amaaraafi
Oromoo obsa mootummaa Itiyoophiyaa akka sodaatti fudhachuun har'as akkuma kanaan
duraa gocha badii raawwatan akka itti fufan dhaga’aamaa jira.Humnoonni kun miidhaan
dhokatanii riphuudhaan geessisaa jiran eessumaanuu akka isaan hingeenye
hubachuudhaan karaa nagaatti dhufuu qabu!Wanti hawaasnis irraa eegaa
jiru kanadha.Mootummaa ummataan filatametti xiiqii qabachuudhaan socho’uun
kaayyoo ergamtummaa diinota alaafi keessaa milkeessuuf socho’uun bu’aan
argamsiisuu danda’u akka hinjirre yaaliiwwan waggoota darban keessa taasifameen
mul’ateera.
Sochiin afaan qawweetti
fayyadamuudhaan taayitaa qabachuuf taasifamu qaroomina jaarraa 21ffaa amma keessa
jirru wajjin kan walsimu miti.Jaarraa kanatti taayitaa qabachuun kan danda'amu
yaada moo'ataa hawaasa irra jiraa amansiisuu danda’u qabatanii hawaasatti
dhiyaachuu qofaadhaani.
Haala qabaatamaa amma jiruun keessumattuu
Shanee/WBO wajjin walqabatee mariin nagaa marsaa itti aanuu mootummaa wajjin
Zaanzibaaritti jalqaban itti fufa jedhamee abdii guddaadhaan ummata bal’aadhaan
utuu eegamaa jiruu hidhattoonni shanee/WBO iddoowwan adda addaatti dhokatanii
riphanii magaalota seenuudhaan hawaasni akka shororkaa'u taasisuun sirrii miti.Medaallii
kamiiniyyuu fudhatama kan qabu miti.Gocha kanaan fudhatamni ummata irraa ittiin
argachuu danda'anis hinjiru.Humnoonni halaala taa’anii hidhattoota kana
ergatanis bu’aan galmeessifachuu danda’an akka hinjirre beekuu qabu.
Wanti tibbana Magaalaa
Bishooftuufi Oolanciitiitti hidhattoonni raawwataniiru jedhamee odeeffamaa
jirus dhugaa qabatamaa kana kan mirkaneessudha.Yaaliin taasifamuun lubbuu
namootaafi qabeenyarra miidhaan ga’uu danda’a.Akka himamaa jirutti wanti ta’e
kunuma.Kana bira darbuun waan danda’amu miti.
Ummata bal’aafi mootummaa
Itiyoophiyaa wayyaanee hanga funyaanitti hidhatteen turte daaraa godhee
adabachiise humnaanan moo’adha jechuun socho’uun gowwummaadha.Dhugaa kana yeroo
tokko qofa utuu hintaane al lama sadi itti yaaduun barbaachisaadha.
Mootummaa Itiyoophiyaa
ijaaramasaa daran jabeeffatee jiru humnaan,sanuu ammoo kilaashiifi qawwee
dulloomaa asiifi achii walitti funaaname baatanii bosona keessa luuxuudhaan moo’achuun
hindanda’amu.Ifaajii bu’aa fiduu hindandeenyedha.
Amma wanti murteessaan yaada moo’ataa
of harkaa qabaachuuf carraaquudha.Yaada moo’ataa malee gara taayitaatti dhufuun
akka hindand’amneef balballi cufameera.Balbala cufame kana humnaan banuuf
sochoo’uun faayidaan fiduu danda’u hinjiru.’Maal haabaasuuf dhama raasuu?’jedhee
mammaakuudhaan dubbiisaa fixate Oromoon.Fayyaa ta’aa!
0 Comments