Finfinnee #Ethiopia Eebila 25/2015(YMN) Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa dhimma maarii Nagaa tibbana Taanzaaniyaa Zaanziibaaritti gaggeeffamaa ture ilaalchisuudhaan ibsa gabaabaa baaseera.
Odeeffannoon guutuun kan itti aanu kanadha:
Mariin nageenyaa Oromiyaa keessatti walitti buhiinsa maqsuun tasgabbii waaressuuf Taanzaaniyaatti geggeeffamaa ture har'a xumurameera.
Maricha heddumminaan haala eyyentaatiin kan geggeeffame tahus, marsaa kanaan dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra gahuun hin danda'amne.
danda'amutti, mariin qaamolee lamaan gidduutti geggeeffamu itti fufiinsa akka qabaatu waliigalameera.
Mootummaan heeraafi qajeeltoowwan hanga ammaatti ittiin hogganamaa jiruun walitti buhiinsa jiru karaa nagaa hiikuuf ejjennoo hin raafamne qaba.
Mootummaan ammas carraafi calqabbii gaarii rakkoolee karaa nagaa hiikkachuu eegalametti fayyadamuun furmaata waaraa fiduuf ejjennoo cimaa qabaachuu dabalee mirkaneessa.
Mootummaan RDFI qaamolee marii nageenyaa kanaaf haala mijeessaniifi keessummeessaniif galata dhiyeessa.
Ebla 25/2015
FINFINNEE
Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa
Dhimma xumuramuu marii marsaa jalqabaa kana ilaalchisuudhaan miidiyaawwan adda addaa akkuma ofiif barbaadanitti gabaasaa jiru.Fakkeenyaaf Gaazexaan Riippoortar jedhamuudhaan beekamu mariin bu'aa malee bittinnaa'e jechuudhaan gabaase.Kun sirrii miti.Qaamoleen lamaan mari'achaa turan hawaasaaf odeeffannoo abdii kennu kennaa utuu jiranuu haala kanaan gabaasuudhaan abdii kutannaan akka uumamu taasisuuf hojjetamuu hinqabu.
Gareen mootummaa wajjin mari'achaa ture akkana jedheera'Dhimmoota jajjaboo tahan irratti mootummaa waliin waliigalteerra gahamullee, marsaa kanaan dhimmoota siyaasaa ijoo ta'an irratti waliigaltee irra gahuun hin danda'amne' jedheera.Hundumaafuu BBC Afaan Oromoon dhimma kana hanga tokko haala gaariidhaan medaalawaa taasisuudhaan gabaase jechuunnidanda'ama.Mee dubbisaa: https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c3gjp13jw4ro
0 Comments