Pirezidaant Shimallis Abdiisaa Adaamaan kooridara daldalaa guddittiifi jiddu gala Koonfiransii filatamtuu akka taate himan



Finfinnee #Ethiopia Eebila 25/2015(YMN) Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Magaalaan Adaamaa koordiidala hojii daldalaa guddoo akka taateefi jiddu gala konfaransii falatamtuu akka taate himaniiru.

Obbo Shimallis ergaa ganama kana karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin Magaalaan Adaamaa Magaaloota keenya saffisa olaanaan guddachaa jiran keessa kan jalqabaa yoo taatu, akka biyyaattis Magaalaa Kooridara daldalaa guddittii fi giddu gala Koonfiransii filatamtuu akka taate mirkaneessaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddinni magaalaa Adaamaa Saayinsii fi Teeknolojiin yoo deeggaramee hawaasa magaalaa hunduma fayyadamaa taasistee, moodeela Magaaloota keenyaa taate ijaaruun akka danda'amu hubachuun waggoottan lamaan darban Yaadama ''Smart city'' jedhu magaalichatti hojiirra oolcha jira jedhan.
Yeroo gabaabaa keessatti Adaamaan akkuma Maqaa Angaatuu Sulula Qiinxamaa jedhamte Misoomaaf Teeknolojiin Angaatee Magaalaa Ikkoo-Turiizimii fi Koonfiransii filatamtuu gaanfa Afrikaa akka taatus pirezdaant Shimallis ergaa barreeffamaan dabarsan kanaan eeraniiru.

Post a Comment

0 Comments