Raayyaan Keenya Itiyoophiyummaa keenya

 




Fnfinnee #Ethiopia Caamsaa 20/2015(YMN) Har'a guutuu Itiyoophiyaatti mata duree 'Raayyaan keenya Itiyoophiyummaa keenya'jedhuun gooticha Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatiif ummanni magaalota gara garaa hiriiraan deeggarsa taasisaa jira.Hiriira deeggarsaa Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa,

->Harargee lixaa- Ciroo

->Arsii-Asallaa

->Arsii lixaa- Shaashamannee
->Shawaa lixaa-Amboo
->Iluu Abbaa Booraa- Mattuu
->Shawaa bahaa- Adaamaa
->Sidaamuu-Hawaasaa
->Booranaa- Yaa'aballoo
->Shanoo
->Bishooftuu
->Horroo Guduruu Wallaggaa-Shaambuu
->Buunoo Baddallee-Baddallee
->Wallagga bahaa-Naqamtee
->Harargee bahaa
->Jigjigaa
->Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi magaalota kanneen biroo keessattis har'a Caamsaa 20 bara 2015 raayyaa ittisaatiif deeggarsa qaban hiriiraan mul'isaniiru.Deeggarsi raayyaaf ummataan taasifamu hiriira qofaan akka hintaaneefi akkuma kanaan duraa geeggarsa raayyaa ittisa biyyaatiif gama hundumaanuu taasisan cimsuudhaan akka itti fufan jiraattonni hiriira deeggarsaa irratti argaman yaada kennaniin mirkaneessaniiru.
Hiriira deeggarsaa kana gaggeessuun kan barbaachise gocha maqa balleessii finxaaleeyyiin raayyaa ittisaa irratti gaggeessaa jiran qolachuuf akka ta'e kanneen yaada kennan eeraniiru.
Jiraattoonni aanaaleefi magaalota gara garaa keessaa walitti ba'uudhaan raayyaa ittisaatiif deeggarsa qaban mul'isan kun dhaadannoowwan adda addaa kan dhageessisan yoo ta'u 'Raayyaan Keenya Itiyoophiyummaa keenya!Finxaaleeyyiin harka keessan raayyaa irraa kaasaa!Raayyaan keenya agartuu ija keenyaati! Raayyaan ittisaa sabaafi paartii tokko kan bakka bu'e miti!Humnoota maqaa raayyaa ittisaa irratti gocha maqaa balleessii raawwachaa jiran irratti mootummaan tarkaanfii haafudhatu jedhaniiru.
Hiriira Deeggarsaa bulchaansa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Fachee irratti kan argaman janaraal Shuumaa Abdataa haasawa dhageessisaniin humnoota maqaa raayyaa ittisaa balleessaa humnaan taayitaa qabachuuf socho'aa jiran irra deebiidhaanakeekkachiifna jedhhaniiru.
Janaraalichi deeggarsa ummanni taasiseefis galateeffataniiru.Hiriirawwan deeggarsaa magaaloota kanneen biroo keessatti gaggeeffaman irrattis qondaaltoonni loltummaa miseensoota raayyaa ittisaa bakka bu'uudhaan argaman dhaamsa dabarsaniiru.Adeemsa filannootiin ala taayitaa qabachuun gonkumaa akka hindanda'amne hubatamuu qaba jedhaniiru #Itiyoophiyaa
Photo Credit:OBN-Sagalee Ummataa



Post a Comment

0 Comments