Finfinnee #Ethiopia Eebila 24/2015(YMN) Itiyoophiyaan gara tabbaatti ol imalaa akka jirtu beekna.Fuuldirri fagoo miti baay'ee dhiyoodha.Garuu kan mul'atu ta'ullee ulfaataadha.
Gara duubaatti deebi'uunis hindanda'amu baay'ee fagoo waan ta'eef.Gauu ammoo irraa gadee waan ta'eef salphaadha.Hagana mara rakkisaa hinta'u.Imala gara olii Itiyoophiyaan jalqabdee irra jirtu milkeessuuf galmaan ga'uuf humna guddaa tokkummaafi tumsa hinqusatamnetu barbaadama.
Diinni keessaafi alaa dhugaa kana waan sirritti beekuuf carraaqqii xumuraa taasisaa jira.Silaa kan duubatti deebi'uu barbaadu akka hinjirre beekamaadha.Warra duubatti nudeebisuuf wixiffachaa jiraniin adabadhaa yoo jechuu dadhabne isaan fedhiisaanii guuttachuuf waan irra jiran hindhiisan.
Kanaaf dammaquun barbaachisaadha.Dammaquu qofas utuu hintaane humnoota haala mijeeffachuudhaan roorrisuu barbaadan mootummaa maddii hiriiruudhaan ofirraa qolachuun adabatanii akka taa'an taasisuun barbaachisaadha.
Diinni qindaa'uudhaan socho'aa jira.Humna maallaqaafi beekumsa qabu walitti qindeessuudhaan Itiyoophiyaan durii isaan barbaadan deebitee akka dhuftuuf kutannoodhaan socho'aa aa akka jiran haaluma qabatamaan jirutu ragaadha.
Haala jiru kana tuffachuun hinbarbaachisu.Xiqqeesssudhaan ilaaluunis sirrii hinta'u.Biyya itti fufsiisuun kan danda'amu carraaqqii Raayyaan Ittisaafi Mootummaan qofaan taasisaniin miti.Tumsa lammiifi ummata hundaatu baarbaachisa.Humnoonni kun haala mijaawaa kamiyyuu argannaan Itiyoophiyaa duubatti deebisuu irraa akka of hinqusanne waanuma gochaa jirantu ragaadha
Haala qabatamaa tibbana Mootummaa Naannoo Amaaraatti mudate akka fakkeenyaatti ilaaluun bargbaachisaadha.Diinoonni Itiyoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiran kanaan dura qaawwa waraana Wayyaanee wajjin taasifametti fayyadamuudhaan mootummaa amma Itiyoophiyaa bulchaa jiru fonqolchuuf carraaqqii lakkaawwamee hidhumne taasisaniiru.Wanti isaan taasisaa turan,shirri sababa gara garaa uumuudhaan isaan xaxaa turan hanguma tokkollee utuu milkaa'ee Itiyoophiyaan sadarkaa har'a irratti argamtu kanarratti argamuu hindandeessu.
Qondaaltoota wayyaaneetti michoomuudhaan waan biyyaaleen lixaafi dhaabbileen idil addunyaa gara garaa Itiyoophiyaa irratti taasisaa turan yoomillee ta'u dagachuun hinbarbaachisu,hindanda'amus.Keessumattuu humnoonni alaa fedhii ol'aanaa Itiyoophiyaa koloneeffachuuf qaban waanuma qabatamaan raawwachaa turaniin nutti mul'isaniiru.Kan balleessee qondaaltoota wayyaanee ta'uusaanii utuu beekanuu,ragaa qabatamaas utuu qabanuu mootummaa Itiyoophiyaa irratti quba isaanii qabaa turan.
Itiyoophiyaan biyya nagaadhaan keessa jiraachuun danda'amu miti jechuun lammiiwwan biyyaalee alaafi dhaabbileen idil addunyaa Finfinnee keessa jiran Magaalaa Finfinnee keessaa akka baa'aniif dhiibbaa ol'aanaa taasisaa turan.Miidiyaawwan isaaniis duula kana milkeessuu keessatti shoora akka gumaachaniif kallattii kaa'uudhaan waan bobbaasaniif waan danda'an hunda Itiyoophiyaa keenya irratti raawwachaa turaniiru.
Miidiyaawwan akka CNN,Rooyitarsiifi kanneen biroo sadarkaa idil addunyaatiin beekaman gaazexoonnillee utuu hinhafin oduuwwan sobaa oomishuudhaan maqaa Itiyoophiyaa busheessuuf carraaqqii ol'aanaa taasisaniiru.Garuu wanti itti dhama'an hundumtuu bu'aa diinoonni barbaadan galmeessisuu utuu hindanda'in karaatti fashalaa'ee jalaa hafeera.
Bu'aan biyyaafi ummata bal'aa boonse kun akkanumatti hinargamne.Mootummaafi ummanni bal'aan walhubatanii irree gamteeffachuudhaan waan socho'aniif bu'aan diinoota saalfachiise galmeeffameera.Kutannoon birmadummaa Itiyoophiyaa kabajisiisuu kan duubatti deebi'uu danda'u akka hintaane hundumtuu ittiin hubateera.Xumura irratti qondaaltoonni wayyaanees waan itti qophaa'an hunda waan fixataniif lubbuun namoota hedduu haala suukaneessaa ta'een waraanaan erga galaafatamee booda marii nagaatiif akka taa'an mirkaneessuudhaan gara Piriitooriyaa deemuuf dirqaman.Dirqamuu wayyaanee kana kan fide duula cimaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa kutannoodhaan birmadummaa Itiyoophiyaa kabajisiisuuf taasisedha.
Kana bood humnoonni alaa Itiyoophiyaa irratti rom'aa turanis qabbanaa'uuf dirqaman.Waliigalteen marii Nagaa Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaafi Keeniyaa Naayiroobiitti taasifames dhawaataan hojiirra ooluudhaan TPLF meeshaa waraanaa kuufate dabarsee mootummaa Itiyoophiyaatiif kennuudhaan amma Naannoo Tigraayitti mootummaan yeroo ca'uumsaa obbo Getaachoo Raddaatiin hoogganamu hojii calqabeera.
Ijoolleen Naannoo Tigraay sababa waraanaatiin waggootaaf baruumsa addaan kutanii turan gara baruumsaatti akka deebi'aniif qophiin taasifamaa jira.Kun bu'aa mariifi waliigaltee nagaa Piriitooriyaati.Kana malees bu'aa dhiibbaa duula birmadummaa Itiyoophiyaa kabajisiisuuf taasifameeti.
Bu'ii ba'iin kun erga darbee booda ammas Itiyoophiyaan waraana suukaneessaatti akka deebituuf hojjetamaa jira.Finxaaleeyyii Amaaraa waraanaaf ariifachaa jiran kan deeggaru akkuma barame diina keessaafi alaati.Kana gochaa kan jiran haala mijaawaa argame hundatti fayyadamuu waan barbaadaniif akka ta'e beekamaadha.
Garuu ofumaaf dhama'aa jiru malee diinoonni keessaafi alaa waan barbaadan argachuu hindanda'an.Kanneen amma Naannoo Amaaraatti wixiffachaa jiran ergamtoota diina biyya alaati.Haalli diinni keessaafi alaa bu'aa barbaadu ittiin galmeeffachuu danda'u gonkumaa hinjiru.
Garuu ammoo wayita waraanaatti meeshaa dhaalame waan kuusaniif of eeggannoo barbaachisaa taasisuun waan dagatamuu hinqabnedha.Qaawwa uumamutti kan fayyadamuu barbaadu baay'eedha waan ta'eef gama hundumaanuu qophaa'ummaa mirkaneessuudhaan waan irra jiran akka dhaabaniif dhiibbaa taasisuun barbaachisaadha.
0 Comments