Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa hiriirtoota galateeffate

 




Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 20/2015(YMN) Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa qaamolee hiriira deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsaniifi uummata naannichaa galateeffataniiru. miyaa Obbo Fiqaadu
Obbo Fiqaaduun hiriira deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf guyyaa har’aa guutuu Oromiyaatti gaggeeffameen uummatni naannichaa ergaawwan ciccimoo dabarsuu ibsaniiru.
Guutuun ibsa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera:
Hiriira deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf har'a guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffame irratti ummatni Naannoo keenyaa ergaawwan ciccimoo dabarsee jira.
Ummatni sadarkaa kanatti jaalalaa fi deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf qabu fedhii isaatiin dirreetti bahee ibsuun isaa Raayyaan Ittisa Biyyaa keenya caalmaatti onnatee aarsaa kamuu kaffalee birmadummaa fi kabaja biyya keenyaatiif akka dhaabbatu isa taasisa.
Finxaaleeyyii asii fi achii walitti bahanii Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya maqaa balleessanii fi irratti duulan hadheeffatee akka balaaleffatu, tokkummaa isaa eeggatee finxaaleessummaa irratti araara tokko malee qabsaa'uudhaan Obbolummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaatiif utubaa tokko ta'ee akka dhaabbatu uummatni keenya ifatti ergaa dabarfatee jira.
Ummatni Naannoo keenyaa, abbootiin gadaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonni, dubartoonni, jiraattonni magaalaa fi baadiyyaa guyyaa har'aa fedhii keessaniin daangaa hanga daangaatti dirreetti baatanii Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf kabajaa fi jaalala qabdan ibsitan hundi hedduu galatoomaa.
Qaamoleen miidiyaa hiriira deeggarsaa kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan ergaan ummataa sadarkaa hundatti akka ol ka'ee dhagahamu uwwisa miidiyaa ol'aanaa kennitanii fi qaamoleen hiriirri deeggarsaa kun bifa milkaa'een akka gaggeeffamu jalqabaa hanga xummuraatti qindeessitanii galmaan geessan galata guddaa qabdu.
Caasaaleen nageenyaa hiriirri kun rakkoo nageenyaa tokko malee jalqabamee akka xumuramu halkaniif guyyaa hojjattanii nageenya hiriirichaa mirkaneessitan baay'ee galatoomaa.
Raayyaan Ittisa Biyyaa ofii wareegama qaalii kaffaltanii kabajaa fi birmadummaa biyya keenyaa nuuf eegsistan galatni bara baraa isiniif haa ta'u.
Raayyaa Ittisaa Keenya, Itiyoophiyaawummaa Keenya!
Galatoomaa!
Fiqaaduu Tasammaa

Post a Comment

0 Comments