'Dhugaa waloo qabannee Itiyoophiyaa cimtuu ni ijaarra'




Dhugaa waloo qabannee Itiyoophiyaa cimtuu ni ijaarra jedhan, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa, Obbo Fiqaaduu Tasammaa.

Rakkoo akka Addunyaatti mudataa jiru injifachuuf ariitii fi kalaqa itti daballee hojjechuun barbaachisa kan jedhan, ammoo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Dr. Yiliqaal Kaffaaleeti.
Waltajjiin marii hoggansa Naannoo Oromiyaa guyyoota 4f magaalaa Adaamaatti taa'amaa ture xumurameera.

Biyya hundaaf taatuu fi hundu keessatti of argu ijaaruu, dhugaa waloo irratti walii galuun irratti hojjechuun dhimmoota irratti mari'atamaa turan keessaa ijoodha.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa, Obbo Fiqaaduu Tasammaa, hoggansi fi miseensi paartichaa dhugaa waloo sabaafi sablammoota biyyattii hubatee hojjechuu qaba jedhan.
Duudhaan paartichaas sabdaneessummaadha kan jedhan, Obbo Fiqaaduun, dhugaan waloo mul'ataa fi ergama waloo qabaachuun milkaa'aa waan ta'eef, dhaabbilee waloon biyya ijaaruuf gargaaran kanneen akka Raayyaa ittisa biyyaa, miidiyaa fi dhaabbilee siivikii cimsuun tokkummaa biyyaaf barbaachisaadha jedhan.
Seenessaa irratti garaagarummaa jiruun rakkoo uumamu furuuf mariin biyyaalesaaa murteesaadhas jedhan.
Galmi Dhugaa waloo nagaa waaraa fiduun biyya jabduu ijaaruuf dhugaa waloo biyyattii hubachuun barbaachisaadha jedhan.
Dhugaan qeenxee fedhii dhuunfaa fi garee muraasaa galmaan ga'uuf socho'aan kun ammoo wal jibbaa fi finxaalessummaatti geessa waan ta'eef, ilaalcha akkasiirra bilisa ta'uu fi irratti qabsaa'uun akka barbaachisu Obbo Fiqaaduun himaniiru.
Hojiiwwan misoomaa hunda kalaqa itti daballee ariitiin hojjennaan Gabaa uumeen dinadgee biyyattii cimsuu qabna kan jedhan Obbo Fiqaaduun, kanaaf ammoo haala naannoo ofii hubatanii hojjechuu gaafata jedhan.

Nageenya waaressuuf, Paartiin Badhaadhinaa hojjechaa jiraachuu himanii, qaamolee nageenya barbaadan kamuu waliin mari'achuuf qophiidhas jedhan.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Miseensi koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Dr Yiliqaal Kaffaalee gamasaaniin, adeemsa marichaafi kutannoo hoggansi naannoo Oromiyaa misoomaafi nageenyaaf qabu dinqisiifatan.
Rakkoo akka Addunyaatti mudataa jiru Itiyoophiyaas ni miidha kan jedhan, Dr Yiliqaal ariitii fi kalaqa dabaallee hojjechuun injifachuu qabna jedhan.
Hoggantoonni guyyoota afuriif mariirra turanis, waltajjicha irraa hubannoo arganneen bu'aa Uummataa caaluuf ni hojjenna jedhan.

Maddi:OBN

Post a Comment

0 Comments