Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa rakkoo nageenyaa uumuuf humnoonni qophaa’an akka jiran hime


Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 30/2015 (YMN) Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti rakkoo nageenyaa uumuuf humnoonni qophaa’aan jiraachuu bira ga’uu beeksiseera.
Humni Waloo ibsa baaseen, yeroo garaagaraatti nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuuf oppireeshinii qindaa’aa gaggeessaa turuu yaadachiiseera.
Haaluma kanaan Magaalaattiitti rakkoolee nageenyaa uumuuf humnoonni qophaa’aan akka jiran bira ga’uu himeera.

Kana hordofees walitti fufiinsaan Magaalaa Finfinneetti oppireeshinii qindaa’aan waan gaggeeffamuuf hawaasni kana hubachuun tumsa akka taasisu, naannawaa isaattis bifa haaraa wayita argu eeruu akka kennuu fi naannawaa isaa akka eegu humnichi waloo hubachiiseera.
Wantoota shakkisiisoon wayita mudatuttis sararoota bilbila bilisaa 987, 991 fi 816 akkasumas karaa bilbiloota:
+251 111 11 01 11,
+251 115 52 63 03,
+251 115 52 40 77,
+251 115 54 36 78
+251 115 54 36 81,
+251 115 54 36 84,
+251 115 54 38 04,
+251 115 31 22 08,
+251 115 31 22 23,
+251 115 31 22 47,
+251 115 31 22 20,
+251 115 31 20 63,
+251 115 31 20 33,
+251 115 31 21 31,
+251 115 31 22 21,
+251 115 31 20 42fi
+251 115 31 20 05 saffisaan eeruu kennuun yookan humnoota nageenyaa naannawaa isaa jiranuuf odeeffannoo kennuun tumsa taasisuu cimsee akka itti fufuuf waamicha dhiyeesseera.

Post a Comment

0 Comments