Qormaanni bahiinsaa qaama kaarikulamii ta'ee akka itti fufu ministeerichi hime




 Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 05/2015(YMN) "Qormaanni bahiinsa/Exit Exam/ qaama kaarikulamii ta'ee itti fufa" - Ministeera Barnootaa

Ministeera Barnootaa Sirni #Eebba barattoota dhaabbilee barnoota ol'aanoo qormaata bahiinsa yuunivarsiitiifi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa waliin osoo wal hin faallessin kan gaggeeffamu ta’uu beeksisaniiru.

Qormaanni bahiinsa Yunivarsitii gosa barnootaa 208 qophaa’uu isaa ibsaniiru.

Ministeera Barnootaatti Daarektarri Olaanaa Dhimmoota Akaadaamii Dr. Eebbaa Mijjanaa ibsa Dhaabbata Piresii Itoophiyaaf kennaniin "Eebbi barattoota yunivarsiitii haala qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fi qormaata bahiinsa waliin wal hin faallessineen akka raawwatamuuf karoorri qophaa'eera," jedhan.

qormaanni bahiinsa yunivarsiitii Adolessa 3 hanga Adoolessa 8, 2015tti akka kennamu, Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 17, 2015 akka gaggeeffamu Dr. Eebbaan yaadachiisaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan qormaata ba’iinsaa booda akkasumas qormaata kutaa 12ffaa erga xumuranii booda akka filannoo isaanitiin, yunivarsiitiiwwan barattoota isaaniif sagantaa eebbaa gaggeessuu akka danda’an ibsaniiru.

Dr.Eebaa, Bara kana barattoonni gara kuma 180 ta’an qormaata ba’iinsa fudhachuuf qophaa'aniiru.

"Qormaanni ba’iinsa qaama kaarikulamii ta'ee itti fufa," kan jedhan Dr. Eebbaan, Barattoonni qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessan akkaataa qajeelfama kanaan qormaata kana akka darban ibsaniiru.

Qormaanni ba’iinsa guutummaatti toora interneetiin waan kennamuuf tarreen barattootaa gara wiirtuu daataa ergamuu ibsaniiru.

Dr.Eebaan barattoonni qormaata kanaaf lakkoofsi/Koodiin/ eenyummaa adda ta'e ni kennama jedhaniiru.

Lakkoofsa isaaniif kenname irratti hundaa’uun qormaata onlaayinii akka fudhatan gargaaruuf hojiin hubannoo uumuu ni  hojjetamaa jedhaniiru.

Milkaa’ina yaalii kanaafis Ityoo Telekoom, Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin gurmaa’uun hojii raawwachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Qormaata ba’iinsaaf kompiitaraa, tajaajila intarneetii fi jenereetarootaaf qophiin akka taasifamu beeksisaniiru. 

Post a Comment

0 Comments