Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 07/2015(YMN) Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo Qormaata Kutaa 8ffaa fi kutaa 12ffaa irratti ibsa kennaniiru.
Bara 2015 Qormaata kutaa 8ffaa akka Naannootti kennamuufi kutaa 12ffaa akka biyyoolessatti kennamuuf qophiin akka Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaatti taasifamaa jiru haala gaarii irra akka jiru Dr. Tolaa Bariisoo himaniiru.
Kutaa 8ffaa
👉Barattootni qophaa'an --490,167
=>dhiirri ----260,807
=> dubartiin--229,360
👉 Guyyaa Qormaatni Waxabajjii 26 fi 27/2015 akka ta'e ibsaniiru.
Kutaa 12ffaa
Sagantaa Qormaataa haala armaan gadiitin ibsaniiru.
👉Akka Naannoo Oromiyaatti Barattootni Qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaa'an 323,149 dha.
Haala Raawwii Qormaataa👇
👉Barattoota Saayinsii Hawaasaatiif,
=>Adoolessa 16 -17/2015 Yunivarsitii seenuu.
=> Adoolessa 18/2015 ibsi(orientation) qormaataa ni kennama.
=>Adoolessa 19 - 21/2015 guyyaa sadiif qormaatni ni kennama.
=> Adoolessa 22 -23/2015 barattootni gara maatii isaanii ni deebi'u.
👉Barattoota Saayinsii Uumamaatiif,
=> Adoolessa 22 -23/2015 Gara Yunivarsiitii seenuu.
=>Adoolessa 24/2015 ibsi(orientation) qormaataa ni kennama.
=> Adoolessa 25 -28/2015 guyyaa afuriif qormaatni ni kennama.
=> Adoolessa 29 -30/2015 barattootni gara maatii isaanii akka deebi'an kan himan Dr. Tolaan, galama gahuu qormaata kutaa 8ffaafi kutaa 12ffaa irratti hawaasni keenya hundi gahee isaanii akka bahan dhaamsa dabarsaniiru.
Dabalataanis, barattootni keenya qormaata qabxii gaarii galmeessisuuf kallattii hundaan qophii barbaachisaa akka taasisan dhaamaniiru.
0 Comments