Seenaa Ajaa’ibaa! Obbolaa Lamaan Turtii Waggoota 75 Booda Walbaran!



Finfinnee #Ethiopia Waxabajji 13/2015(YMN) Dubbiin seenaa kanaa akkasi; Obbo Dalasaa Moggaasaa fi Aadde Badhoo Obbolee kan jedhaman Godina Shawaa lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Ganda Gimbii Biilaa jedhamutti Bara 1939 bultii hundeeffatan.Turtii waggaa tokko hin caalle keessatti waldhabdeen jidduu isaaniitti uumamuun wal hiikanii Aadde Badhoonis mucaan garaatti isaan hafee gara maatii isaaniitti galan. Sana booda nama maqaan isaa Karaa jedhamu dahanii, turtii waggaa lama booda mucaa sana mana maatiitti dhiisuun bakka biraatti bultii hundeessuun ijoollee hedduu godhatan. Obbo Karaan Akaakayyuu fi Akkoo isaanii akka abbaa fi haadhaatti baruun biratti guddatan.
Obbo Dalasaanis haadha obbo Karaa osoo hin barbaadiin dubartii kan biraa fuudhuun abbaa ijoollee erga ta'anii booda mucaan dhalachuu fi dhiisuu waan hin mirkaneeffanneef yeroo umuriin isaanii waggaa 95 gahu dhukkubsatanii waan jiraniif ilma isaanii Obbo Bitimaa Dalasaatti galfata/adaraa kennuun akka inni barbaaduuf dhaamsa dabarsanii boqotan. Obbo Bitimaanis galfata abbaa isaanii osoo hin nyaatiin seenaa qorachuun akkaataa isaanii mijachuu danda'uun bakka obboleessi isaanii jiru Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Dasee Akiliiluu jedhamutti obboleessa isaanii angafaa obboo Karaa umurii isaanii waggaa 75 tti argatan.
Obbo Karaan abbaa maatii ta'uun ijoollee fuusisuunii fi heerumsiisuun abbaa ijoollee 27 akka ta'anii fi gammachuu itti dhaga'ames ibsataniiru. Obboleessa angafaa waan ta'aniif akkasumas barbaadanii waan dhabaniif akka aadaa Oromootti Gaabii uwwisuun, Muudaa muuduun obboleessa angafaa taasifachuu Obbo Bitimaa Dalasaa ibsanii jiru.
Obbo Karaan seenaa dhalachuu isaanii osoo hin bariin inni kuni abbaa keeti jechuun nama biraan waamamaa turan. Akaakayyuu isaanii biratti guddachuun abbaa maatii ta'uun yeroo obboleessi isaanii obbo Bitimaan barbaadullee shakkaa akka turan kaasuudhaan, obboloonni isaanii umurii kanatti barbaadanii argachuuf gammachuu qaban ibsuun eebbisan.
Obboleessi obbo Karaa haadha tokkorraa dhalatan obbo Taaddasaa Guutamaa akka jedhanitti obboleessi isaanii obbolaa argachuutti gammachuu qaban ibsuun, bakka isaan itti guddatanitti icciitiin kuni dhokatee ture jedhu. Obbo Karaan umurii waggaa 75 tti Aanaa Amboo Ganda Dasee Akiliiluu keessatti Gosa Ammayyaa jedhamutti makamuun simatamanii jiru.
Maddi:Kominikeeshinii Aanaa Tokkee Kuttaayee


Post a Comment

0 Comments