Tokkummaa!yoomillee tokkummaatu fala waaraa fida



Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 14/2015(YMN) Waliin tolla jennee irra deeddeebi'uudhaan himne.Ammas ta'e gara fuulduraatti Oromoo hunda abbaa injifannoo taasisuu kan danda'u tokkummaa qofaadha.Dhimma tokkummaa irratti irra deddeebiidhaan hojjechuun waan nuffamuu qabu miti.Humnoonni akka tokkummaan hinjiraanneef socho'an jiraatanis tokkummaan sabaa akka sibiilaatti akka cimuuf hojjetamuu qaba.Tokkummaadhaan ala filmaanni biraa gonkumaa akka hinjirre qalbeeffachuun barbaachisaadha.
Oromoon akka sabaatti sadarkaa har'a qabu irra ga'uu kan danda'e dhimma tokkummaasaatiif xiyyeeffannoo kennuudhaan tokkoomee waan socho'eefidha.Dhugaa kana waakkachuu ykn haaluu kan danda'u jiraa laata?Oromoon akka sabaatti tokkummaadhaan waliigalee walhubatee utuu socho'uu baatee sirnoonni gabroonfattoonni irraa ka'uu hindanda'an ture.Akkuma baran bara baraan itti roorrisaa jiraatu ture.Irreen tokkummaa akka fonqolfaman isaan taasise.
Sabni bal'aan faayidaa tokkummaan isaaf fiduu danda'u hubate sabaafi sablammoota firoomfatee tokkummaa keessoosaas jabeeffachuudhaan iddoo har'a irra jirurra ga'uu danda'e.Har'a irra ga'uu kan dandeenye bu'aa qabsootiin akka ta'e dagatamuu hinqabu.
Ummanni Oromoo gaaffiiwwan mirgaafi faayidaasaa deebii utuu hinargatin turaniifis deebii gahaafi amansiisaa argachuu kan danda'u akkuma kanaan duraa har'as tokkummaadhaan yoo walhubatee socho'e akka ta'e sabni bal'aan sirritti beeka.Amma rakkoon kan jiru booressitoota biradha.Kanneen tokkummaan sabaa akka hinjiraanneef xawalawaallummaadhaan socho'an irratti xiyyeeffachuudhaan tokkummaa sabaa irratti akka isaan gufuu hintaaneef gama kamiinuu qolachuun barbaachisaadha.Deebiin gaaffiiwwan kamiyyuu deebii quubsaa argachuu kan danda'an tokkummaa qofaadhaan waan ta'eef kanneen tokkummaa sabaatti gufuu ta'an dura dhaabbachuun mamii malee qolachuun dhabamsiisuun dhimma yeroon kennamuuf miti.
Keessumattuu faayidaa dhuunfaas ta'ee gareewwan muraasaa eegsisuuf jecha sochiin tokkummaa sabaa irratti miidhaa geessisuuf taasifamu obsaan kan bira darbamu ta'uu hinqabu!Tokkummaa!ammas ta'e yoomiyyuu tokkummaa!

Post a Comment

0 Comments