Mootummaan Naannoo Oromiyaa Itiyoophiyaan miseensa “BRICS” ta'uu hordofee ibsa kenneera





Finfinnee #Ethiopia Hagayya 20/2015(YMN) BRICS” Gaaffii Miseensummaa Itiyoophiyaa fudhachuun Dhaga’amummaa biyyattii kan mirkaneesse jechuun ibseera
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
"BRICS” biyyoota baay’ina uummata Addunyaa keessaa %40 qooddatan biyyoota gama dinagdee, teknoloojiifi humna waraaanaatiin guddina ariifataa galmeessisaa jiraniin qajeeltoo 'Tumsa Kibbaa-gara-Kibbaa' jedhamu bu'uureffachuun kan hundaa'edha. Hunndeeffama tumsa kanaa irraa eegalee biyyoota miseensota garichaa jidduutti hariiroon dinagdee, siyaasaafi teknoloojii guddachaa dhufuun waltajjiiwwan Idil Addunyaa irratti dhaga’amummaan isaanii dabalaa akka dhufu taasiseera. Kunis, Garichi xiyyeeffannoo biyyoota hedduu akka argatu taasiseera.
Biyyoota gaaffii miseensummaa “BRICS” dhiyeeffatan 40 keessaa tokko kan taate Itoophiyaan ulaagaawwan barbaachisu guuttee dhiyaachuu isheetiin gaaffiin miseensummaa ishe fudhatama argateera. Kunis injifannoo dippilomaasii guddaa biyyi keenya gonfattedha.
Imaammanni Haajaa Alaa Agarsiiftuu milkaa'ina Imaammata biyya keessaa akkuma ta’e jijjiiramni waggoota shanan darban keessatti gama siyaasaa, diingdeefi hawaasummaan galmaa’e injifannoo gama dippilomaasiin argame kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera. Waggoota shanan darban keessatti biyyi keenya ulaa galaanaafi boba’aa osoo hin qabaatiin akka Afrikaatti dinagdee guddaa 5ffaa, akka Baha Afrikaatti dinagdee guddaa 1ffaa ta’uu dandeessee jirti.
Itoophiyaan baay’ina uummataatiin Afrikaa irraa sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu; biyyoota ollaas ta'ee fagoo waliin hariiroo dippilomaasii gaariifi tumsa irratti hundaa'e kan qabdu; Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbilee Idil-Addunyaa gurguddoof hundeessituufi miseensa kan taate sadarkaa Idil-Addunyaatti haqniifi nageenyi akka mirkanaa'uuf ergama nageenya kabachiisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin itti kennamu ga'umsa olaanaan ba'achuun seenaa boonsaa kan qabdudha. Dinagdee ariifataafi ittifufinsa qabu biyyi keenya Itoophiyaan galmeessisaa jiraachuufi hariiroo dippiloomaasii tumsaafi obbolummaa irratti isheen hordoftu ulaagaa BRICS guutuun gaaffiin miseensummaa dhiyeessite fudhatama akka argatu dandeessiseera.
Injifannoon argame kun hojii guddaa gama dippilomaasiitiin taasifameen kan milkaa'e; sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaga’amummaa biyya keenyaa kan dabalu akkasumas gumaacha haqaafi haqummaan akka mirkanaa’uuf taasisaa turte cimsitee akka itti fuftu; gama Investimentii Kallattiin filannoo dursaa biyyoota miseensa Garichaa akka taatu, oomishaalee isheetiif arraa gabaa biyyoota kaneenii akka argattu kan dandeessisu akkasumas ce’umsa tekinoloojiifi beekumsaa argachuun imala badhaadhinaa eegalame jiru ariifachiisuu keessatti qooda olaanaa waan qabuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa gammachuun itti dhaga’ame olaanaa ta’uu ibsaa uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga gammaddan baga gammanne jechuu barbaada.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa biyya keessatti jijjiiramniifi milkaa'inoonni gurguddoo galmaa'aniif akkasumas gama hariiroo alaatiin injifannoon dippilomaasii akka argamuuf hooggansa bilchaataa MM keenya Dr Abiyyi Ahimad kennaniin ta'uu isaatiin galata guddaa kan dhiyeessuuf yoo ta'u biyyoota akka Biraazil, Hindi, Chaayinaa, Raashiyaafi Afrikaa Kibbaa gaaffiin biyyi keenya miseensummaa “BRICS”f dhiyeessite fudhatama akka argatu tumsa olaanaa taasisaniif galanni keenya guddaa ta’uu ibsa.
Walumaagalatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo boonsaa gama dippilomaasiin argame galaa godhachuun biyya keenyatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’u, ijaarsi sirna dimokiraasii jalqabame galma akka ga’uufi imalli badhaadhina hunda galeessaa eegalame akka mirkanaa’uuf hojiiwwan gama hundaan jalqabaman cimsee kan itti fufu ta’uu ibsa.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Hagayya, 2015
Finfinnee

Post a Comment

0 Comments