Ergaa Muummichi Damaraa ilaalchisuun dabarsan




Finfinnee #Ethiopia Fulbaana 17/20169YMN0 Muummeen Ministiraa FDRI Dr Abiy Ahimad ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Daamaraa jechuun ida'uu, ida'amuu fi kuusuu jechuudha.Daamaraan mallattoo jijjiiramaati.Gatii fi mallattoon fannoo yakkamtoota fannisuuff oolaa ture kan itti jijiiramedha.
Daamaaraan namoota hedduu walitti qabuun waldaan kan tursiisudha. Daamaraan kan hir'aterratti dabaluu,kan faca'e walitti qabuu, wanta bittinnaa'e tokko ida'uu fi walitti fiduu ta'uu ergaa isaaniin kaasaniiru.
Ayyaanni Daamaraa jala bultii Ayyaanna Masqaalaan mukeen kan walitti ida'aman, mukti walitti qabamuun Daamotii/ Xomboraa, Daamootiin ida'amee Daamaraa kan itti ta'udha.
Daamotiin kunneen walitti yoo hin hirkanne Daamaraa ta'uu hin danda'an. Daamotiiwwan kanneen tokko taasisee kan dhaabu gidduu mukti jira.
Utubaan kun muka jabaa fi daamotii naannawaa isaa jiru baachuu danda'uudhaa.
Utubaan kun Itiyoophiyaa bakka bu'a jedhan.
Daamotiin kun ciraaroowwan gosa tokkorraa hin tolfamne, bakka tokkooyiis hin dhufne, Xomboraan hundi tokkoo miti,mana tokkos hin dhufan.mukeen hundi qofaa isaanii hin dhaabbatan,jabina, humnaa fi dandeettii akka qabaatan Daamotii ta'uun ida'amu.
Akkamu mukeen Daamotii qunceen walitti hidhaman, Itiyoophiyaannis eenyummaa addaa walitti isaan hidhan qabu.
Daamaraan walitti qabamuun olka'iinsa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf fakkeenya keenya jedhan.
Itiyoophiyaanis akkuma ciraaroo Daamotii aadaa, amantaa, qabeenya, duudhaa, ilaalcha fi seenaa hedduu qabdi.
Hundi keenya dirqama akka tokkootti yaaduun nurraa hin eegamu, aadaa tokko, afaan tokko, eenyummaa tokko taanee argamuun nurra hin jiraatu.
Kennaa kana hunda ida'uun akka Daamotii humna waliif taana.
Akka Daamaraa walitti ida'amuun biyya jabduu ni ijaarra jedhan.
Akka Utubaa Daamaraa gidduu keenya ta'uun hawaasa siyaasaa fi diinagdee tokkoo taasiisuun kan nu ijaaru sirna Federaalaati, Tokkummaa sabdaneessaati, Itiyoophiyummaa keenya jedhan.
Itiyoophiyummaa fi tokkummaa sabadaneessummaa ida'uun biyya jabduu, guddoo fi cimtuu ijaaruu ni dandeenya jechuun ibsaniiru.
Herreegni kana hundaa akka Daamaraa Ida'amuudha.
Daamotiin dhuunfaa fi naannawaa keenyatti hojjechuu ni dandeenya.
Daamaraan garuu waloon malee hin ta'u.
Amantaan, filannoo fi fedhiin keenya qofaa isaatti Daamotii ta'uu danda'a. Biyyi garuu ida'ama waloo keenyaati jedhan ergaa isaaniin.
Daamaraan sirna hunda keenya qajeelchu daawwatii hunda keenyaati.
Daamaraan eessaaniyyuu yaa qabatu ifti fi ho'i isaa adeemsa keessa Daamotii hunda dhaqqaba.
Guddinni Itiyoophiyaas eessayyuu haa eegalu adeemsa keessa hunda keenya dhaqqaba jedhan
Xomboraa gurguruu fi Bituu dandeenya, Daamaraan garuu akka Itiyoophiyaati, hin gurgurrus hin jijjiirrus.
Hundi dhuunfaa koon fudheen deema hin jedhu.
Achumatti walitti ida'amuun onnee waloo keenyaan qabannee kan deemnu dhugaa hunda keenyaati jedhan.
Daamaraan dhaabbata Fannoon dhugaa itti argamedha.guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf fakkeenya tokkummaan dhaabbachuuti.
Daamaraan kallattii Fannoon dhugaa itti argamedha.
Akkuma Fannoo dhugaa argachuuf yeroo ulfaataa ture, badhaadhina dhugoomsinis dadhabbii fi tattaaffii hedduu gaafata.
Fannoo bade argachuuf akkuma tumsaa fi gorsa hedduu gaafate badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuufis tumsaa fi walummaa kan gaafatu ta'uu onnee keenya keessatti qabachuu qabna jedhan.
Wayita Daamaraa bara kanaa kabajnu yaadota kanneen qaaccessuun ta'uu akka qabu abdiin qaba jedhan.
Ayyaanni Daamaaraa Masqalaa ayyana gaarii akka ta'u hawwaniiru,Muummichi ministiraa kabajamaa Dr.Abiy Ahmad.

Post a Comment

0 Comments