Finfinnee #Ethiopia Sadaasa 21/2016(YMN) Itiyoophiyaan
teenya yaa'ii koop 28ffaa irratti hojiiwwan rakkoo jijjiirama haala qilleensaa
hir'isuuf hojjechaa jirtu agarsiisaaf dhiyeessitee jirti.
Yaa'iin 28ffaan dhimma haala qilleensaa
addunyaa irratti mari'atu Immireetoota Araba gamtoomanii Dubaayitti
adeemsifamaa jira.Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmadiifi gareen mootummaa
Itiyoophiyaa isaaniin hoogganames yaa'ii kana irratti hirmaachaa akka jiru
beekameera.Minisirri karooraafi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa kaleessa akka
beeksisanitti Itiyoophiyaan hojiiwwan Ashaaraa magariisaan hojjechaa turte
agarsiisaaf dhiyeessitee jirti.
Agarsiifni Itiyoophiyaan adeemsa yaa’ichaa
sababeeffachuudhaan Dubaayitti qopheessite kun mala gaariidha.Jijjiirama duula
Ashaaraa Magariisaan waggoota darban keessa
Itiyoophiyaa keessatti qabatamaan galmeeffame hawaasa idil addunyaatti mul’isuuf
shoora guddaa gumaacha.
Addunyaan waldhabdeefi beelaan nubeektu misoomaanis Itiyoophiyaan
jijjiirama qabatamaa galmeessisaa akka jirtus haabaran.Jijjiiramni Ashaaraa magariisaan
galmeeffamaa jiru hawaasa idil addunyaatiini akka hubatamuuf waltajjii
agarsiisaa kana Dubaayitti qopheessuu danda’uun waan guddaadha.
Itiyoophiyaan
Yaa’ii jijjiirama qilleensaa 28ffaa Dubaayitti qophaa’erratti muuxannoo misooma
Ashaaraa magariisaashee Addunyaaf akka qooddu, Ministirri Karooraafi misoomaa Dr.Fitsum
Asaffaa himaniiru.
Dr.
Fitsum Asaffaa yaa’icha ilaalchisuun ibsa kennaniin Itiyoophiyaan agarsiisa Dubaayittii
qopheessiteen milkaa’ina gama Ashaaraa magariisaafi kanneen biroon galmeessifte
hawaasa addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ni argatti jedhan.
Itiyoophiyaan
agarsiisa yaa’icharratti qophaa’e irratti hojiilee Ashaaraa Magariisaa
beeksisaa jirti jedhan.
Kanaan
alattis Lafa Kaareemeetira kuma 1fi 500 irratti Agarsiisa guddaa qopheessuun
muuxxannooshee qoodaa akka jirtu himan.
Yaa’icharratti
hooggantootni haasawaa taasisuun, walga’iiwwan kanneen biroo irratti
hirmaachuun dhiibbaa Jijjiirama haala qilleensaan gahaa jiru qolachuurratti
Itiyoophiyaan sagalee ishee ni dhageesifti jedhaniiru.Kanaanis Itiyoophiyaan
Sagalee Afriikaa ta’uuf carraa ni argatti jedhan.Keenya ooluma kan jechaa jirru
sababa qabatamaa waan qabnuuf akka ta’e beekamuu qaba!
0 Comments