Finfinnee #Ethiopia Sadaasa 11/2016(YMN) Mariin nageenyaa marsaa lammaffaaf mootummaa Itiyoophiyaa fi Shanee gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Nageenyii
fi tasgabbiin misoomaa fi Badhaadhina biyya tokkoof bu'uura ta'uu ibseera.
Garaagarummaa
karaa qaroomina qabuun mariifi walhubannaan furuun alatti nagaan argamu kan hin
jirre ta'uu ibseera.
Mootummaan
Itiyoophiyaa dirree siyaasaa babal'isuun paartiilee sagantaa siyaasaa addaa
qaban waliin aangoo qoddachuu isaa himeera.
Qaamolee
hidhannoo kaasuun heera mootummaa humnaan diiguuf socha'an waliinis nagaa
buusuuf jecha marii gaggeessuuf tattaaffii taasiisaa turuu ibseera.
Mootummaan
qaama heera mootummaa fi birmadummaa biyyattii fudhachuuf qophii ta'e kamuu
waliin rakkoolee jiru mariin furuuf tattaaffii kan taasiisu ta'uu Tajaajilli
Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.
Kun
akkuma jirutti ta'ee qaama hidhannoon heera mootummaa diiguuf socho'u waliin
maqaa marii jedhuun sossobuun balaa biyya diiguu akka ta'eetti kan amanu ta'uu
ibseera.
Yaa
ta'uutii Mootummaan walitti bu'iinsa dirqamee seene dhaabsisuuf tarkaanfii
fudhachuun biyya tiksuuf dirqama heera mootummaan itti laatame kan ba'u ta'uu
himeera.
Haaluma
kanaan garee Shororkeessaa shanee naannoo Oromiyaa iddoolee tokko tokko keessa
socho'uun ummatarra miidhaa qaqqabsiisaa jiru waliin mariin baatiwwan dura
Taanzaaniyaa Zaanzibaaritti taasiifamaa ture waliigaltee malee xumuramuun kan
yaadatamu ta'uu ibseera.
Torbee
lamaan darbes garicha waliin mariin marsaa 2ffaaf gaggeeffamaa turuu ibseera.
Yaa
ta'uutii garichi qabxii gara waliigalteetti fidu dhiyyeessuu kan hin dandeenye
ta'uu himeera.
Maricharratti
gareen shororkeessaa kun gaaffii Oromoofi sabaafi sab-lammoonni waggoota 60'n
dura kaasaa turan kan deebii argate hunda kaaseera.
Mootummaan
Itiyoophiyaa fedhii biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuufi kennaa uumamaa
biyyattii gara qabeenya qabatamaatti jijjiiruuf qabuuf jecha daandii dheeraa
imaluuf yaaluu beeksiseera.
Yaa
ta'uutii garichi dhiiga lammiileen dandaluu filachuu isaa himeera.
Ejjennoon
mootummaan nageenyaaf qabu akkuma jirutti ta'ee hojii ol’aantummaa seeraa
kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta'uu eereera.
0 Comments