Finfinnee
#Ethiopia Sadaasa 15/2016(YMN) Namtichi suuraasaa daawwattan kun Rundaasaa
Isheetee jedhama.Waan inni odeessu irraa akkan hubadhetti biyya Ameerikaa
jiraata.Gaaffiifi deebii Eermkiyaas Laggasaa wajjin tibbana mariin nagaa Daaree salaam
bu’aa malee erga xumuramee booda taasisan tokko hordofeen ture.
Kan jedhaa turan
keessaa waan xiqqishuu tokko qofaa irrattin xiyyeeffadhe.Eermiyaas duruu
gantuudha.Kan Eermiyaas mannaagu dhiiseen dhimma ijoo Rundaasaan kaase tokko irratti xiyyeeffadha.Waa’ee Finfinnee!
Rundaasaan dhimma
kana kan kaase ajandaa uumuuf akka ta’e beekamaadha.Garuu kan tuffatamee bira
darbamu akka hintaane waanan hubadheefan dhimma kana irratti xiyyeeffadhe.
Sababa mariin
Daaree Salaamitti torban lamaaf gaggeeffamaa ture ittiin gufate keessaa tokko’Muummichi
Ministiraa Abiy Ahmad Addis Ababaa malee Finfinnee hinjedhu jechuusaati’
jechuun dubbate Rundaasaa Esheetee.Dhugumaaree Rundaasaa?si’ammannuu?Amma ati
kanaan ajandaa diigumsaan uume jettee
yaaddaa? Shira akkanaa kanatu waggoota
shantama caalaniif laffarra foqoqaa akka turtaniif isin saaxilee bar!
Yaadini kun
hooggantoota cimoo kan akka Galaasaa Dilboofaa,Dr.Diimaa Nagawoofaa,Leencoo
Lataafaa,Ibsaa Nagawoofaa,Qajeelaa Mardaasaafa’iifi kanneen biroo kallattii
sirrii qabachuudhaan biyyaafi ummatasaanii tajaajilaa jiran hin ilaallatu.Isaan
dogongora irraa deebi’uun kallattii sirriidhaan
biyyaafi ummatasaanii tajaajilaa jiru waan ta’eef isaaniif hundatu
kabaja kenna.Xiyyeeffachuun kan barbaachisu ergamtoota salphattoota irrattidha.
Waa’een maqaa
Finfinnee amma ajandaa marii Nagaa ta’a jedhamee hinyaadamu!Maalif
dhamaatu?Dhimmi kun jaalalaafi deeggarsi Ummanni Oromoo muummicha ministiraa
Dr.Abiy Ahmadiif taasisaa jiru nihanbisa jedhanii yaadan.Habadan ummanni Oromoo
kanaan hinburjaaja’u.Ajandaa biraa barbaaddadhaa!
Karaa birootiin Shaneen
ergamtuu diinaa akka taate Ummanni erga hubatee tureera.Oromoon hundi dararamaa
waan isin deeggaru isinitti fakkaate.Abdii kutadhaa!Hojii dhabaa
dogongorsuudhaaniifi dirqamaan walitti qabuun injifannoon isiniif fiduu dandaa’u
gonkumaa hinjiru.
Dubbii keenya
irratti Shaneen balbala Nagaa Mootummaan Itiyoophiyaa bal’isee bane cufuuf kan
dirqamte sababa maaliitiin akka ta’e beekamaadha.Dirqamaafi ergama diinaan
kennametu akka isin dhabsiise,beekna.
Namtichi Dirribaa
kumsaa ‘Marroo’ jedhaniin waltajjii marii Daaree salaam irraa ba’een yeroo
boqonnaatti ergaa isiniif dabarse jechuun waan odeese tokko miidiyaa
hawaasummaa irratti gadhiisaniiru.Kana irraayis wanti hubatame jira.Waraanni
bilisummaa Oromoo bajannisaa buusii miti jedheera.Bajannisaa miliyoonaan lakkaa’ama
jedhee hime.
Kana jechuun
diinni alaa bajata guddaa ramaduudhaan ergamtootti fayyadamaa jira jechuudha.Dhugaan
jiru kanadha.Diinni Itiyoophiyaan akka diigamtuuf wanti hingoone
hinjiru.Maallaqni ramadamee meeshaan waraanaas dhoksaadhaan dhiyaachuu danda’a.Garuu
wanti yaadaniifi kaayyeeffatan argamuu hindanda’u.Itiyoophiyaa diigna jedhanii
qabeenyaafi maallaqasaanii harcaasan.Garuu bu’aan argatan gonkumaa hinjiru.
Gocha shiftaa barameen wanti kanaan dura yaalan ammaan boodas yaalamuunsaa waan hinoolledha.Dhugaan qabatamaan burjaaja’uumsa ummata bal’aa hin uumane amma beekameera.Balbala Nagaa Mootummaan baneefi waliigaltee nagaa ummanni bal’aan si’aayina guddaadhaan eegaa turetti bishaan kan naqe ergamaa diinaati.
Haqni kun amma
hubatameera.Shaneen ammaan booda ummata keessa dhokattu hinqabdu.’Nita’a jennee
harree qalle hinta’u jennaan harree ganne’ siin jechaa jira.Diinni siergachaa
jiru abdii sirraa dhabuun fuula sirraa gargalfachuunsaa waan hinoolledha.Warri
shanee kana baraa!Kanaaf Rundaasaa Isheetee Ajandaan uumuuf yaalte gonkumaa
fudhatama hinqabu.Ilmi Abbaa Gadaa Looreetiin Ngaa muummichi ministiraa
Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad Addis Ababaa Malee Finfinnee hinjedhu’jechuudhaan
hindubbatan ejjennoos hinqaban, Rundaasaa hinsobin.Yoo dandeesse hamma
molooftetti yaadi!
0 Comments