Kanneen nagaa booressan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu ibsame



Finfinnee,Muddee 20/2016(YMN) Qaamolee Waamicha nagaa mootummaan taasise gufachiisuuf socho’an irratti tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan fudhatu cimee kan iti fufu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo waliigalaa biyyaa ilaalchisuun har’a miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsa kana kan kennan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasa Tulluu akka jedhanitti, naannolee rakkoon nageenyaa mudatee turetti hojiilee hojjetamaniin nageenyi fooyya’aan mirkanaa’aa jira.
Naannoo Amaaraatti garee fiinxaaleeyyiin rakkoo nageenyaa mudate Raayyaan Ittisaa Biyyaa hawaasa waliin qindaa’uun tarkaanfii fudhateen humnoota kaneen dadhabsiisuufi irra jireessaan Naannoo Amaaraatti nageenyi fooyya’aan akka mirkanaa’u taasisuu himaniiru.
Waamicha nageeyaa hidhattoota naannicha keessa socho’aniif taasifameen hedduun isaanii harka kennachuun gara giddugala leenjii seenaa akka jiran Dr.Laggasan himaniiru.
Yeroo ammaa nageenyaa naannichaa fooyyessuurraa gara mirkaneessuutti ce’amaa akka jirus eeraniiru.
Qaamoleen gaaffii qaban karaa nagaafi waltajjii mijatuun gaaffii isaanii dhiyeeffachuu akka danda’an ibsanii, ammallee balballii nageenya mootummaa banaadha jedhan.
Hidhattoota naannolee akka Gaambeellaa, Beenishaangulgumuz waliin mariin gaggeeffamuun waliigalteerra akka ga’aameen naannawaalee kanneenitti nagaafi tasgabbii mirkanaa’aan jiraachuu yaadachiisaniiru.
Naannoo Oromiyaattis mariin Shanee waliin marsaa lamaan taasifame waliigaltee malee akka goolabame himuun,dhimmoonni adeemsarra jiran rakkoolee garichi uumaa jiruun waliigalteen nageenyaa bu’aa qabeessa ta’uu akka hindandeenye taasiseera jedhan.
Ammallee mootummaan nageenyaaf kutannoo akka qabu argisiisuu himuun, tarkaanfiilee mootummaan itti gaafatama heera bahachuuf fudhatu kanneen faallessan fudhatama akka hinqabne hubachiisaniiru.
Qaamoleen hunduu nageenya waaraa mirkaneessuuf tumsa taasisan cimsuu akka qabanis Dr.Laggasan dhaamaniiru.
Waamicha nageenyaa taasifamu tooftaa gara garaatiin gufachiisuuf qaamolee socho’an irratti mootmmaan tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatu cimsee kan itti fufu ta’uu Dr.Laggasaan hubachiisaniiru

Post a Comment

0 Comments