Finfinnee #Ethiopia Sadaasa 21/2016(YMN) Chaayinaan omishtummaan qonnaa Itiyoophiyaa akka dabaluuf deeggarsa taasiftu daran cimsitee kan itti fuftu ta’uu Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonna Baadiyyaa Paartii Kongirasii Chaayinaa himaniiru.
Af-yaa’ii Ittaantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoo miseensota Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonna Baadiyyaa Paartii Kongirasii Biyyaalessaa Chaayinaa waliin mari’ataniiru.
Wayita marichaattis biyyaaleen lameen michummaan tarsiimawaan qaban yeroo gara yerootti cimaa dhufuu ibsuuni,Chaayinaan Itiyoophiyaatti dameewwan bu’uuraalee misoomaa,qonna,barnootaafi fayyaa dabalatee damee hundaan deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uun eerameera.
Aadde Loomii Badhoo wayita mariitti akka jedhanittis Chaayinaan michuu misoomaa Itiyoophiyaa ta’uun dameewwan hundaan walta’iinsi taasisaa jirtu michummaa tarsiimawaa biyyaalee lameenii daran kan guddisudha.
Omishtumma qonnaa guddisuufis Ashaaraa Magariisa irraa eegalee hojii gara garaa hojjetamaa akka jiru himuun,damee qonnaa meekaanaayizeeshiniin hammayyeessuun wabii nyaataa gama mirkaneessuutiin Chaayinaan muuxannoo ishee Itiyoophiyaaf akka qoodduuf gaafataniiru.
Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonna Baadiyyaa Paartii Koongirasii Biyyaalessaa Chaayinaa Juu Jihaa’oo gama isaaniitiin biyyi isaanii qonna hammayyeessuun, omishaafi omishtummaa guddisuuf tarkaanfilee fudhataman ibsaniiru.
Chaayinaan qonnaa kilaastaraan misoomsuufi qonnaa meekaanaayizeeshinii fayyadamuun hojiilee misooma qonnaa hojjechaa akka jirtu himaniiru.
Itiyoophiyaan waggoota muraasaa asitti qonna utubaa diinagdee ta’e guddisuuf hojiileen gaggeessaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uus himan.
Keessumaa qabeenyaa uumamaafi eegumsa naannawaa irratti hirmaannaan taasisaa jirtu kanneen biroof fakkeenya ta’uu akka himan Chaayinaan qonna hammayyeessuufis deeggarsa teeknooloojiiwwan gara graa akka taasiftu mirkaneessaniiru.
Biyyaaleen lameen hariroo paarlaamaafi paarlaamaa akkasumas michummaa misoomaa daran cimsuuf, miseensonni paarlaamaa gara Chaayinaa dhaquun damee qonnaa akka daawwatan haalli kan mijatu ta’uus akka himan kan gabaase tajaajila oduu Itiyoophiyaati.
0 Comments